Akkuma beekkamu, dhukkubni Koroonaa-vaayras jalqaba biyya Chaaynaatti mul’ate. Tohannoo mootummaa Chaaynaa ala tahuun biyyoota Addunyaaw 60 ol gahuun isaa ifa. Hanga ammaattis namoota 3,252 guutuu Addunyaa irraa lubbuu galaafatee jira. Namoota 95,141 oltu dhukkuba kanaan qabamee jiruu jibbe. Dhukkubni kun saffisa nama sodaachisuun fiigutti jira.Hanga ammaatti dawaa amansiisaa dhukkuba kana wal’aanu ogeeyyoonni fayyaa hin arkanne. Doktoroonni hedduun talaallii dhukkuba kana namarraa ittisu oomishuuf tattaaffii jabdutti jiran.
â— Dhukkubni hamaan lubbuu namoota hedduu galaafate kun ardii Afriikkaa, biyyoota 6 keessaatti muldhate jira. Isaanis Masr,Tuunisiyaa,Aljeeriyaa, Naayijeeriyaa, Seeneegaalii fi Morookoodha.
Akkamitti dhukkuba kana firraa eeguu dandeenya?
“¢ Nama dhukkuba kanaan qabametti if-eeggannoo malee dhihaatuu hin qabnu. Keessattuu harkaan tuquu irraa if-eegaa. Hafuura kallattiin nama san irraa bahutti siqanii harganuunis hin barbaachisu.
“¢ Deddeebisnee harka dhiqachuu qabna. Afaanii fi funyaan keenyaas bishaanin qulqulleessuu (afaan keenyaan Wudu’achuu dha).
“¢ Mandiilaan funyaan fi afaan haguuggachuu qabna(shamarran Niqaaba uffatan dhukkuba heddurraa baraaramaa akka jiran asirraa barra).
“¢ Bineensootatti dhihaachuu xiqqeessuu. Keessattuu bineensoota lafarra loohan harkaan qaqqabachuu hin qabnu. Dhukkuba kanarraa baraaramuuf Booyyee fi Karkarroonis bineensota nyaachuufi itti dhihaachuu hin qabne keessaahi(Muslimni duraanuu bineensota kanniinitti hin haajamu).
Dhukkubni kun mallattoo ni qabaa?
Mallattoon isaa maali? Mallattooleen Koroonaa-vaayras..
“¢ Dhukkubbii mataa fi dadhabbii nafaa jabaa.
“¢ Baay’inaan furriin namarraa yaa’uu.
“¢ Oowwi qaama namaa 38 tti ol guddatuu.
“¢ Qufaa hamaa
“¢ Hafuurri namatti ciccituu(Hafuura baasanii galchuuf rakkachuu).
“¢ Humna qaamaa mara irratti dadhabbii dhagahuu.
Yaa Rabbi ummata keenyaafi dhukkuba kana adda fageessi.
NUURALHUDAA
Soora Qalbii Muslimaa