Nagaya Wal gaafatuu

03/17/2022

Islaamummaan nagaya. Amanatii nagaya bu’uura godhachuun nagayaaf ijaaramtee dha. Maqammaan Islaam jedhu nagayaan wal qabata. Ergamaan Rabbiitis (SAW) Nagayaa fi Rahmata qabatanii nutti dhufan. Addunyaa cufaafis nagayaa dhaamanii jiran. Kanaaf namni muslimaa yoo walitti dhufu yeroo hunda nagaya wal gaafatuudhaan waan hunda jalqaba. Rabbi Qur’aana keessatti akkana je’a.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تَدۡخُلُواْ بُيُوتًا Øَيۡرَ بُيُوتِكُمۡ حَتَّىٰ تَسۡتَأۡنِسُواْ وَتُسَلِّمُواْ عَلَىٰٓ أَهۡلِهَاۚ ذَٰلِكُمۡ خَيۡرٞ لَّكُمۡ لَعَلَّكُمۡ تَذَكَّرُونَ ٢٧

“Yaa Warra Amantan! Mana keessan hin ta’in hanga hayyamsiifattaniifi abbootii isaanii nagaa gaafatanitti hin seeninaa. Akka gorfamataniif jecha santu isiniif caala.”( Suuratu Nuur: Aayaa 27). Akka aayaa kanaatitti ajaja lamatu jira. Inni duraa mana namaa seenuu keenyaan dura eeyyamsiisuu qabna. Erga Nuuf eeyyamameen boodas namoota achi keessa jiran irratti salaamata qara’uuun barbaachisaadha.

Ergamaan Rabbiitis akkana je’an:

قال رسول الله صلى الله عليه وسلم “:” والذي نفسي بيده لا تدخلوا الجنة حتى تؤمنوا ولا تؤمنوا حتى تحابوا أولا أدلكم على شيء إذا فعلتموه تحاببتم”:” أفشوا السلام بينكم “(“”(“ رواه مسلم”)””)” “.”

“Jannata hin seentan, haga amantanitti; akkasumas hin amantan, hanga wal jaalattanitti. Gara waan tokkotti isin hin qajeelchu, yoo isa raawwattan kan akka wal jaalattan isin godhu? Nagaya jidduu keessanitti facaasaa”jedhan.  Kanaaf nagaya wal gaafatuun Islaamummaa keessatti jannata seenuudhaaf akkaan barbaachistuu akka taate hadiisa tanarraa hubatuu ni dandeenya. Eega Nagaya wal gaafatuun akkaan barbaachisaa ta’ee, adaba isaan walqabatu waliin ilaalla.

Nagaya dursanii gaafatuun sunnaa dha. Deebisuun garuu dirqama. Ulmaa’iin dhimma kana irratti waliif galanii jiran. Akka ragaatitti ammoo aayaa qur’aanaa Suuratu An-nisaa  aayaa 86 irratti argamu dhiheessu.

وَإِذَا حُيِّيتُم بِتَحِيَّةٖ فَحَيُّواْ بِأَحۡسَنَ مِنۡهَآ Ø£ÙŽÙˆÛ¡ رُدُّوهَآۗ 

“..Yoo namni nagayaan isin kabaje, waan san irra wayyaawaa taateen deebisaa, ykn isumaayyu deebisaa”(An-Nisaa’a aayaa 86)

Sababa aayaa tanaatiif nagaya namaa deebisuun dirqama ta’a. Namoonni heddu osoo waliin deemaa jiran nama biraatiin yoo salaamata gaafataman, hundi isaanii deebisuun jaalatamaa dha. Haa ta’u malee namnummaan tokkichis yoo deebise gahaadha. Bakka kophaa jirrutti garuu nagaya deebisuun nurratti dirqama ta’a. Nagaya yoo gaafatamnus waan ergamaan Rabbii (SAW) nu barsiisaniin alatti waan biraa dabaluu hin qabnu. Namni tokko ‘Assalaamu Aleeykum’ yoo nuun jedhe, ‘wa’aa leeykum Assalaam waraahmatullaah’ jennee deebisna. Namni sun ‘Warahmatullaah’ kan jedhu yoo itti dabale nuti ammoo ‘wabarakaatuhuu’ itti daballee deebisnaaf. Yoo namni sun Wabarakaatuhuu jedhee guutuu isaa nurratti qara’e, nuti ammoo kana caala wanti itti daballu hin jiraatu.

Yeroo salaamata namarratti qaraanu namni sun tarii sagalee keenya dhagahuu dhabuu danda’a. Yeroo kanatti salaamtaa san yeroo sadih irra deebi’uutu barbaachisa. Haalli kun keessattuu bakka namoonni hedduun walitti qabamanitti dalagaa irra oola. Tarii namoonni sunniin haasawa biraa qabatanii jiraachuu waan malaniif nagaya nuti isaanirratti qaraane hin dhageenye ta’a. kanaafuu akka nu dhagahaniif jecha haga yeroo sadihii irra deddeebi’uu qabna. Gama biraatiin yeroo namaa deebisnus sagalee teenya ol fuunee akka inni dhagahutti jechuutu jaalatama. Saabit ibn Ubeeyd (RA) ” Ani gara walgahii Abdallaah ibn Umar (RA) keessa jirtu takkatti dhaqe. Yeroo san Abdallaanis ‘Yoo deebii salaamtaa deebistan namoonni sunniin akka isin dhagahan godhaa. Nageeyni akkanaa sun jaalatamtuudha”yoo jedhu dhagahe jedhee gabaase. An-Nawawiin nageeyni sagalee laaftuun jedhamu fudhatama hin qabu. Namni Nageenyi irratti qara’ames dirqama deebisuudhaa hin qabu jedhe.

None

Nagaya yeroo nama gaafannu namoota adda fooyuu hin qabnu. Namoota bakka sanitti walitti qabaman cufa akka walitti qabachuu danda’utti salaamtaa qara’uu qabna. Akkasumas salaamtaan teenya namoota beeknu qofa iratti xiyyeeffachuu hin qabnu. Ibn Mas’uud (RA) ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan jedhee nuuf gabaasa “Mallattoolee qiyaamaa keessaa, nagaya walbeekumsaan qofa wal gaafachuudha”. Nuti Muslimoonni nagaya wal beekumsa qofa irratti xiyyeeffannee wal gaafachuu hin qabnu. Ergamaan Rabbii (SAW) Muslimni tokko muslima biraatiif obboleessa jedhan. Kanaaf nu hundinuu akka obboleewwaniititti wal beekna jechuu dha. Erga waliif obboleeyyan taanee akkuma obboleewwa nagaya wal gaafatanitti wal gaafachuu qabna.

Namoota nagaya wal gaafatan keessaa, namni bakka tokko taa’aa jiru irra namni bakka biraatii gara namaa dhufe sun nagaya osoo jalqabee jaalatama. Namni tokko nama taa’aa jiru bira yoo dabre, nama deemaa jiru santu nagaya gaafata. Namni fardaan ykn ammoo waan biraa yaabbatee deemu, nama lafoo deemaa jiru irratti salaamata qara’uu qaba. Ka dhaabbatee jiru ammoo kan taa’ee jiru irratti qara’uu qaba. Tuutni lakkoofsaan xiqqaa, tuuta lakkoofsaan guddaa irratti qara’uu qaba. Akkasumas nama umriin xiqqaatitu hangafa isaa irratti qara’a. Dhimma kanarratti ulamaa’iin haala armaan gadiitiin guduunfan. Quxisuun wanti hangafa irratti qara’uu qabuuf, waan hangafni kabajamuu qabuuf. Kanaaf kabaja nama guddaaf qabu mul’isuudhaaf quxisuun jalqaba. Kan waa yaabbatee deemu ammoo isa lafoo deemurra qabeenyaan wayyaadha. Kanaaf nama lafoo deemaa jiru sanii hamilee kennuuf akkasumas of gad qabuuf jecha nagaya gaafatuu qaba. Kan nama taa’aa jiru biraan darbu ammoo, inni lafa taa’ee jiru akka nama mana ofii keesa jirutti laallama. Kanaaf inni darbaa jiru sun akka waan mana namaa seenaa jiruutitti nagaya gaafata. Warri lakkoofsaan muraasaa ammoo warra lakkoofsa guddaa wanti nagaya gaafataniif, mirga namoota hedduu mirga namoota muraasaa irra waan caaluuf. Tartiiba amma dubbanne san faallessuun haraamaa miti. Nama faallesse irrattis badii hin jiru.  (Fathula Baarii)

Daa’imman karaa irratti yoo argine salaamtaa isaan irratti qar’auun barbaachisaa dha. Kunis akka isaan aadaa tana barataa guddatan isaan qarqaara. Anas ibn Maalik (RA) akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) yeroo ijoollee argan nagaya isaan gaafataa turan jedhe. Ijoolleen ammoo dirqama deebii deebisuudhaa hin qaban. Yoo barbaadan ni deebisu ykn ammoo ni dhiisu. Wanti nuti isaanirratt Salaamtaa qaraanuuf isaan leenjisuudhaaf waan ta’eef, yeroo nagaya isaanirratti qaraanu, hamilee guddoo fi fuula gammachuun ta’uu qaba. Gama biraatiin bakka namoonni muraasni rafanii gariin ammoo dammaqanii jiranitti yoo dhufne, sagalee teenya gad qabuu dhaan gaafatuu qabna. Sagaleen teenya warra ka’eef dhagahamtuu taatee, warra rafee jiru ammoo kan hin kaasne ta’uu qaba. Ergamaan Rabbii (SAW) yeroo halkaniin gara manaa galan akka namoota mana keessaa hin jeeqnetti sagalee isaanii gad qabanii nagaya gaafataa turan.

Namni Muslimaa tokko nama Ahlal kitaab ta’e irratti salaamtaa jalqaba qara’uu hin qabu. Namni Muslima hin taane sun dursa nagaya gaafatuu qaba. Garuu dirqamatti osoo nu’uu gaafatuu barbaannee, jechoota akka “akkam jirta”, jedhu fayyadamuutu barbachisa. Garuu isaan yoo nagaya nu gaafatan nutis wa’aleeykum jechuudhaan deebisuufii qabna. Dhimma kanarratti namni gariin deebisuufii hin qabnu jedha. Waliigalteen ulamaa’ii hedduu bira jiru deebisuu barbaachisa kan jedhu waan ta’eef, namoota Ahlal Kitaab irraa yoo salaamtaan nuuf dhihaatte deebisuu qabna. Gama biraatiinis yoo rakkoon jiraatte malee mallattoodhaan nagaya wal gaafatuu irraa of qusatuun gaarii dha. Bakki mallattoodhaan nama nagaya itti gaafatuu dandeenyu, yoo namni sun akkaan nurraa fagoo ta’ee  wal dhagahuu hin dandeenye, akkasumas qaamaan miidhamaa ta’ee yoo nu dhagahuu hin dandeenye qofa. Kanaan ala nama wal bira jirruu fi nama nu dhagahuun sagalee fayyadamuudhaan nagaya wal gaafatuu qabna.

Nama qulqullaa’aa (fincaanaa) jiru irratti salamtaa qara’uun jibbamaadha. Yeroo gara mana nama tokkoo seennu salaamtaa qara’uu qabna. Namni amaanaa nagaya namarratti naa qara’ii yoo nutti dhaame nutis amaanaa san bakkaan gahuu qabna. Yeroo gara Masjiidaa seennu namoota masjiida keessa jiran irratti salaamtaa qara’uu qabna. Osoo Imaamni khuxbaa godhutti jiru salaamtaa qara’uun jibbamaadha. Nama tokkoon yoo walitti dhufnu haasawa biraatitti seenuun dura nagaya wal gaafatuu qabna.

Walumaa galatti

  • Jalqaba nagaya gaafatuun Sunnaa dha. Deebii kennuun ammoo dirqama.
  • Yoo salaamtaa deebisnu isa irra wayyooytuu taateen deebisuun barbaachisaadha.
  • Yeroo Salaamtaa jalqabnuu fi deebisnus sagaleen teenya dhagahamuu qabdi.
  • Salaamtaan wal gaafannu firummaa fi Wal beekumsa irratti qofa daangayuu hin qabdu.
  • Xiqqaan hangafa, ka waa yaabbatee jiru, kan lafoo deemaa jiru, ka deemaa jiru ammoo ka taa’aa jiru, tuutni xiqqaan ammoo tuuta guddaa nagaya gaafatuun jaalatamaadha.

 Qophii: Abu Ibtisam