Qulqullina

03/31/2022

Muslimoonni sadarkaa addunyaatti qulqullinaan beekamu. Hawaaasni addunyaa guutuun qulqullinaaf bakka guddaa kenna. Islaamummaan garuu san biras dabree qulqullummaa dirqama godha. Muslimni qulqullina qaama isaa, kan uffata isaa, kan naannoo isaa haalaan eeguu qaba. Ergamaan Rabbiitis (SAW) barbaachisummaa qulqullinaa hogguu ibsan, “qulqullinni walakkaa iimaanaati”jedhan. Rabbiinis waan kanarraa qur’aanaan nuuf dubbatee jira.  Rabbiin keenya Suuratul Baqaraa aayaa 222 irratti akkana jedhe

إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلتَّوَّٰبِينَ وَيُحِبُّ ٱلۡمُتَطَهِّرِينَ ٢٢٢

“Dhugumatti Rabbiin warra gara isaa Tawbatanii fi qulqulleeffatan ni jaalata” (Al Baqaraa 222)

Qulqullina ofii eeguun yeroo hunda barbaachisaadha. Barbaachisummaa biras dabree, qulqullini dirqama tahus ni jira. Ulamaa’onni islaamaa, qulqullina kana bakka sadihitti qoodanii jiran. Inni duraa Dhiqannaa ibaadaati. Dhiqannaan ibaadaa kun qulqullina qaamaafii qalbiitis of keessatti hammata. Salaataaf Rabbii keenya dura dhaabbachuun duratti, qalbii teenya haraamaa, jibbansaa fi nifaaqa garagaraa irraa qulqulleessuu qabna. Qalbii teenya Nifaaqa irraa qulqulleessuuf ammoo bishaan osoo hin taane zikrii heddummeessuutu barbaadama. Eega Qalbii teenya qulqulleessinee booda, gara qulqullina lammataatitti ceena. Innis qulqullina qaamaafi huccuuti. Qulqullinni qaamaafii huccuu kun ammoo bishaaniitti haajama.

Qulqullina qaamaa kana Rabbii keenyatu qajeela Qur’aana isaatiin nu ajaje. Kanaaf ajaja isaa takka osoo irraa hin hir’isin raawwachuu qabna. Rabbiin Suuratul Maa’idaa aayata 6 irratti akkana jedhe:

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِذَا قُمۡتُمۡ إِلَى ٱلصَّلَوٰةِ فَٱØۡسِلُواْ وُجُوهَكُمۡ وَأَيۡدِيَكُمۡ إِلَى ٱلۡمَرَافِقِ وَٱمۡسَحُواْ بِرُءُوسِكُمۡ وَأَرۡجُلَكُمۡ إِلَى ٱلۡكَعۡبَيۡنِۚ وَإِن كُنتُمۡ جُنُبٗا فَٱطَّهَّرُواْۚ

“Yaa Warra Amantan! Yeroo Salaataaf kaatan fuula keessanii fi harka keessan haga ciqileetti dhiqadhaa. Mataa keessanis haxaayaa; luka keessanis hanga koronyootitti dhiqaa. Yoo janaabaa taatan qaama keessan dhiqadhaa.” (Al Maa’idaa 6)

None

Muslimni tokko Salaataaf dhaabbachuun dura Dhiqachuu ykn ammoo Wuduu’a godhuu qaba. Namni haadha warraa isaatti ida’ame  ammoo, qaama isaa guutuu dhiqachuu qaba. Akkaataan wudu’aatiifi akkaataan dhiqannaa janaabaa, haala Sunnaa Rasuulaatiin tahuu qaba. Wayta dhiqannus bishaan qisaasuu ykn israafa godhuurraa if eeguu qabna.  Akkuma qaama keenya qulqulleeysinu huccuu keenyas qulqulleeysuu qabna. Huccuun teenya haarayas taatu, huccuu moofaa ciccitaas tahu, kan gatii qaaliis tahu, kan rakishaatis tahu, qulqulluu tahuu qaba. Rabbiin miidhaginaafii qaalawiinsa huccuu keenyaa irraa haajaa hin qabu. Garuu huccuun keenya qulqulluu tahuu akka qabu dirqama nurratti godhee jira. Kanaafuu waanuma qabnu najisaafii wasakarraa qulqulleeysinee, hanguma qabnuun miidhaynee mullachuu qabna.

Inni lammataa ammoo Quqlullina naannoo eeguudha. Inni kun hawaasa hunda walitti qabata. Namni Muslimaa tokko eega qulqullina qaamaafii huccuu ofii eeggateen booda, kan naannoo keessa jiraatuutis eeguu qaba. Mana keeysa jiraannufii naannawa mana keenyaa hunda qulqulleeysuu qabna. Balfa yoo mana keenya keessaa haxoofnee baafnu, bakki balfa saniif qophaaye yoo jiraate bakka san geessinee gatuun barbaachisaaa dha. Gama birootiin qulqullina magaalaa keeysa jiraannuutis eeguun barbaachisaadha. Gariin namaa Muuza nyaataa karaa irra deema. Quuncee muuzaa karaaratti darbee bira dabra. Namni isa boodaan dhufu ammoo quuncee saniin mucucaatee lafa dhahee miidhamuu danda’a. Kanaafuu waan nama dararu karaa irratti gatuunis islaamummaa keeysatti dhoorgaadha. Inumaa waan nama dararu karaa irraa kaasuun ibaadaadha.

Mu’aawiyaa ibn Qurraa akkana jedhe, ” gaafa tokko Ma’qil al Muzn  wajjiin karaarra deemaa turre. Osoma wajji deemutti jirru, balfa nama miidhu tokko karaarratti argee karaarraa fuudhe. Anis waan inni dalagu kana arginaan waan san fakkaatu karaarra lallaaluu eegale. Balfa tokko karaarratti arginaan, isa dursee dhaqee karaarraa fuudhe. Achi booda, ‘Yaa ilma obboleessa kiyyaa, maaliif akkas goote? Jedhee na gaafate. Anis;  Sumarraahin laalladhe. Wayta ati karaarraa waa fuutu si arginaan, anis fakkaataa keetii godhe ‘ jedhee deebiseef. Innis ‘ waan sirrii dalayde. Ergamaan Rabbii (SAW) ‘nama waan Muslima miidhu tokko karaa irraa kaaseef hasanaa gaariitu galmeeffamaaf. Namni dalagaan gaariin isaaf qeebalamte ammoo jannata seena’ yoo jedhan dhagahee jira naan jedhe.

Kanaafuu nuti muslimoonni, hoggayyuu bakka hundattuu qulqulluu tahuu qabna. Sababaa keenyaaf karaan namni irra deemu xuraawuu hin qabu. Nuti madda qulqullinaa tahuu qabna malee, madda rakkoofi balfaa tahuu hin qabnu. Hadiisa kanarraa, waan nama miidhaa karaa irraa kaasuun ajrii akka nuuf argamsiisu hubatuu dandeenya. Nutis gaa kanarraa laallannee, balfa nama miidhu kamuu yoo karaarratti argine, ajrii tana argachuuf balfa kana karaaraa kaasuu qabna. Karaarra deemaa nyaachuun Adaba islaamummaatii miti. Garuu waan namni karaarra deemaa nyaatu karaarratti gate kan nama miidhu karaa irraa kaasuun barbaachisaadha.

Inni sadaffaan ammoo wantoota qaama keenya irratti balfa qabatuu danda’an ofirraa qulqulleessuudha. Hadiisa Abi Hureeyraan gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan

“” الْفِطْرَةُ خَمْسٌ – أَوْ خَمْسٌ مِنَ الْفِطْرَةِ – الْخِتَانُ وَالاِسْتِحْدَادُ وَتَقْلِيمُ الأَظْفَارِ وَنَتْفُ الإِبِطِ وَقَصُّ الشَّارِبِ “””

”Dalagaan shan Fixraa irraayi, Kittaannachuu, Rifeensa qaama saalaa ofirraa haaduu, qeensa murachuu, rifeensa bobaa jalaa buqqisuu fi areeda funyaan jalaa (Affarroo) gabaasuu”jedhan.

Rifeensa qaama saalaa ofirraa muruun qulqullummaa qaamaa eeggachuudhaaf murteessaadha. Namni Rifeensa qaama Salaa (Saphii) ofirraa hin haadne, rakkina hedduuf saaxilamuu dandaha. Namni rifeensa qaama saalaa ofirraa hin cirre kun, wayta hammaama seenee istinjaa godhu, balfi qaama isaa keeysaa bahu hagni tokko rifeensa isaa irratti maxxanee hafuu dandaha. Wanti rifeensarratti maxxanu ammoo, yeroo heddu dhiqaa bishaanii qofaanis hin bahu. Kun ammoo salaata isaa irraa miidhuu dandaha. Kanaaf furmaanni irraa boodaa rifeensa naannawa kana jiru guutumatti ciranii balleeysuudha.

Balfi qaama namaa keeysaa bahu hamaa tahuun isaa waan wal nama falamsiisuu miti. Kanaafuu fayyaa keenyas eeggachuuf rifeensa qaama saalaa kana ifirraa haaduun dirqama taha jechuudha.   Rifeensi lammataa ammoo kan bobaa jalaati. Inni kunis qulqullinaan yoo hin qabamne, bakka baakteeriyaa fi jarmiileen garagaraa itti qubatan ta’uu mala. Musliimni kana beekuudhaan rifeensa kanas karaa mijaawaa taheen ofirraa balleessuu qaba.

Kan biroo ammoo Areeda hidhii gubbaa (Affarroodha). Ergamaan Rabbii (SAW); Anfarroo gabaabsuutti ajajanii jiran. Areeda hidhii gubbaa kana gabaabsuufi haaduu jidduu kilaafa ulamaa’iitu jira. Garuu wanti ulamaa’iin irratti waliif galan, areedni hidhii gubbaa dheeratee afaan nama seenuu hin qabu. Sun dhoorgamaadha.

Inni xumuraa kittaannachuudha. Ulamaa’iin islaamaa hedduun isaanii Warra dhiiraatiif Kittaanachuun dirqama akka ta’e walii galanii jiran. Dhiiraaf kittaannachuun qulqullina ofii akka eeggatu taasisa. Namni hin kittaanatin garuu rakkoo garagaraatiif saaxilamuu danda’a. Balfi garagaraa gogaa osoo hin muramin hafe san keessatti hafuudhaan rakkina garagaraaf isa saaxiluu mala. Kanaafuu qulqullina ofii eeggachuuf jecha, kittaannachuun warra dhiiraatiif barbaachisaadha. Kan warra shamaraa irratti garuu garaagarummaatu jira. Walumaa galatti ergamaan Rabbi (SAW) wantoota kanniin shananitti nu qajeelchanii jiran. Nutis qulqullina keenya eeggachuuf jecha waan isaan nuuf dhaaman itti dalaguun, bu’aa guddaa nuu argamsiisa.

Qophii: Abu Ibtisaam