Gaafii: Heeydiin natti dhufee guyyaa lama yookaan sadi eega narra turee booda narraa bada. Ammas guyyaa lamaafi 3 turee natti deebi’a. Yeroo inni jidduun narraa badu sanitti salaata salaatuu fi soomanuun narra jiraataa?
Deebisaa: Dubartiin, keessattuu tan reefuu dhiigni laguu itti dhufe amala heeydii isii sirritti baruu qabdi. Dhiiga arguu dhabuun qofti heydiin namarraa dhaabbate jechuu miti. Jiidhi yookaan dhangala’aan boorahe argamnaan yookaan jiraannaan sanumatu hukmii heeydii qaba waan taheef, heeydiin dhaabbate jechuun hin dandahamu.
Kanaaf aadaa isii sirritti kan beektu yoo taate, hanga guyyaa aadaa isii sanitti akkasumatti turtee mallattoo qulqullinaa eeggachuu qabdi. Yoo dhiignillee dhaabbate hanga mallattoon qulqullinaa mul’atutti heeyduma irra jirti jechuudha. Walumaa galatti sababa gara garaatiin dhiigni jidduun dhaabbataa yoo deebi’ee kan dhufu tahe, hanga guyyoota aadaa isii heeydiin kanaan dura irra turu san eeggattee, keessumattuu guyyaa 15 booda dhiigni dhufus yoo jiraate huccuu fi bakka itti salaattu san akka hin tuqne of eeggachuun salaataafi soomana jalqabdi.
Sheikh Abdussalaam Xaahir
Deebisaa Ulamaa biyya alaa
Hukmiin bu’uuraa ulamaa’iin harki caalu hordofan, dhiigni heydiidhaa guyyaa 15 hin dabru kan jedhuudha.
Shaykhal Islaam Ibn Taymiyah dabaltee ulamaa’iin gariin ammoo akki jedhan, dhiigni dubartii irraa bahu dhiiga heeydiitii miti jechuudhaaf, ji’a guutuu yoo dhiigni irraa yaa’e, yookaan ji’a tokko keessatti guyyoota harka caalu yoo dhiigni irraa yaa’e jedhan.
Akka ulamaa’iin harki caalu irratti waliigalanitti, dhiigni dubartii irraa bahu guyyoota 15 yoo ture, kan san booda bahu heeyditti hin lakkaahamu. Kanaaf, ji’a itti aanu wanti godhuu qabdu, guyyaa kanaan dura itti jalqabu irraa hanga guyyoota aadaa isii heeydiin kanaan dura irra turu san eeggattee, (fakkeenyaaf kanaan dura ji’a irraa guyyaa jalqabaa itti dhufee guyyaa 6 kan irra turu yoo tahe, guyyoota Jahan eeggattee dhiqatti.) San booda dhiigni dhufus yoo jiraate huccuu fi bakka itti salaattu san akka hin tuqne of eeggachuun salaataafi soomana jalqabdi.
Sheikh Saalah Al Munajjid