Copyright: Nuuralhudaa Media 2022
Any illegal reproduction of this content will result in immediate legal action.
Deebisaa Gabaabduu
Saaltni Arkaanaa fi Shuuruuxa isii guutanii, Faatihaa qofaan salaatan huma taha rakkoo hin qabu. Haata’u garuu namni kun maaliif jarjarsee kan jedhu ammoo gaafii deebisa barbaadu. Salaatni bu’aa aakhiraatiif salaatamti, ammas salaatni kan bu’aa qabaattu yoo ruuhii qabaatte; ruuhiin salaataa ammoo Kushuu’a. Rabbi birattis kushuu’aa fi xum’aaninaan hangam takka akka turte ilaalamee qabxiin ajriidhaa namaa qabama. Ariifachiisuu qofa filatuun barbaachisaa miti. Kanaan ala Salaatni Faatihaa qofaan salaatamu sirrima.
Deebisaa Ulamaa’ii biyya alaa
Ulamaa’iin harki caalu, raka’aalee jalqabaa lameen Salaata Fardii keessatti, Faatihatti aansuun Suura biroo yokaan ammoo aayata muraasallee tahu qara’uun jaalatamaadha jedhan.
Abu Hurayrah’n (RA) akkana jedhe: Salaata hunda keessatti qaraatitu jira, kanaaf wanta Nabiin (SAW) nu dhageeysisan, nutis isin dhageeysisna; waan inni sagalee gadi qabatee qara’es, nutis sagalee gadi qabannee qaraana. (Salaata keessatti) nama dhuka qur’aanaa (al Faatihaa) qara’eef sun isaaf gahaadha, haatahuu garuu nama itti dabalateef santu irraa caala”
Al-Bukhaari (738) fi Muslim (396)
Imaam An-Nawawiin (Rabbii Rahmata haa godhuufi) akkana jedhe. Jechi “nama dhuka Qur’aanaa (al Faatihaa) qara’eef sun isaaf gahaadha, haa tahuu garuu nama itti dabalateef santu irraa caala” jedhu, Salaata keessatti Faatihaa qara’uun dirqama tahuu akkasumas salaatni faatihaa malee bu’aa akka hin qabaanne garsiisa. Dabalataanis Faatihatti aansanii surah biroo qara’uun jaalatamaa tahuu garsiisa jedhan. Ulamaa’iin hundi haala jedhamuu danda’amuun Salaata Fajrii, Jum’aa fi Raka’a lameen duraa salaata Fardii kaawwan keessattis, Faatihatti aansanii suraah biroo qara’uun jaalatamaa tahuu irratti waliigalanii jiru.
Sharh Muslim (4/105)