Iyyannoo ⚖Dhaddacha Jaalalaa⚖ December 20, 2018

Written on 12/20/2018
Nuural Hudaa

⚖Dhaddacha Jaalalaa⚖


🌹In shaa ALLAAH guyyaa har'aa iyyannoo dhaddacha Jaalalaa Keessummeessina🌹

Rabii'ussanii 13, 1440
December 20, 2018
Muddee 11, 2011
Guyyaa Kamiisaa

Namoonni dhaddacha Jaalalaa irratti iyyachuu barbaaddan, iyyannoo keessan haala gaariin bareechaa qopheeffadhaa. Hayyama Rabbii guddaatiin guyyaa har'aa akka sa'aa biyya keenyaatti salaata Zuhrii booda sa'aa 9:30 - 10:00 (3:30PM - 4:00PM) tti iyyannoo keessan qeeballa. 

Namni iyyannoo ergatu maqaa ofii ibsuu qaba. yoo maqaa dhugaa himatuu hin barbannee ammoo, Gabaajeedhaan ibsuu ni dandaya. Fakkeenyaaf A.B jedhee katabuu ni dandaya. Maqaa nama himatuu himuun hin barbaachisu. 

Iyyannoo Barreeffamaafi sagaleetis ni keessummeessina. abbaan fedhe barreeffamaan, ka fedhe sagaleen iyyachuu mirga qaba. 


📱Lakkofsi  irratti iyyatan: +1 816-682-4128 (Whatsapp Qofa)

⌚ Sa'aan itti iyyatan: 9:30 - 10:00 (3:30PM - 4:00PM) qofa. 

🔊 Namni iyyannoo isaa sagaleen erguu fedhu, sagaleen ergamu daqiiqaa 3 caala dheeratuu hin qabu. 

🚫Hubachiisa❗ 
Namni iyyannoo dhiheeffatu nama karaa halaalaatiin bultii jaarrate ykn nama nikaaha hidhate tahuu qaba.  

Raadiyoo Nuuralhudaa
Sagantaa Soora Qalbii

⚖Qophii dhaddacha Jaalalaa ⚖
Sagantaa Soora Qalbii

Namni Qophii dhaddacha Jaalalaa Quba hin qabne liinkii kanarraa haa dhageeffatu. https://youtu.be/7UnEu-xFHbc

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa