Kabajamtoota Hordoftoota Keenya, Akkuma beekamu draamaan icciitii jireenyaa goodni 1ffaa goolabamee jira. Qooda 2ffaa osoo hin eegalin yaada dhageeyfattootaa keessuummeessuu barbaanna. In shaa ALLAAH galgala har’aa yaada keessan karaa whatsappiitiin isinirraa fuuna.
Sa’aan yaada keessan itti keessummeessinu, galgala har’aa akka sa’aa Ityoophiyaatti salaata ishaahii booda sa’aa 3:30 – 3:50 (9:30pm- 9:50PM) qofa.
Lakkofsi yaada irratti nuuf ergitan, +1 816 739 8986
Yaanni nama tokkoo daqiiqaa 1 caaluu hin qabu.
Yaadni keessan hedduu nu fayyada. Yaada keessan irraa laallannee rakkina keenya fooyyessina. Kanaafuu waan isiniif mul’ate, waan hanqina qabu kan fooyyeffamuu qabuufi, waan itti ida’amuu qaba jettanii yaaddan gabaabsaa nuuf gumaachaa.
Kutaa Qindoomina Sagantaalee fii Boohartii irraa
NuuralHudaa
Soora Qalbii Muslimaa
www.nuuralhudaa.com