✉YAADA DHAGEEYFATTOOTAA✉

Written on 01/17/2019
Nuural Hudaa


Kabajamtoota hordoftoota keenya, miidiyaan Nuuralhudaa eega hojii eegalee wagga 3 guutee jira. Waggoota sadan dabran kana keessatti, sagantaalee qalbii booharsaa barumsa gurguddaa dabarsan heddu hawaasa keenyaaf dhiheessinee jirra. Dhageeyfattoonni keenya kan sagantaa keenya hordofaa turtan, sagantaalee keenyarratti yaada qabdan akka nuuf gumaachitan kabajaan isin gaafanna. 

Hir’ina sagantaalee keenyarratti argitan waan fooyyeffachuu qabnu, cimina daran cimsachuu qabnuufi, yaada dabalataa waan itti dabaluu qabnurratti yaada keessan nuuf gumaachaa. 
Yaada keessan karaa whatsappiitiin keessummeessina. 

📱Lakkofsa whatsapp: +1 816 739 8986

🕰Guyyaafi Sa’aa: January 17, 2019 (Jumaadal uulaa 11, 1440)  (Amajjii 9, 2011) akka sa’aa biyya keenyaatti Salaata Zuhrii boodaa sa’aa 9:00 – 9:30 (3:00 PM – 3:30 PM) qofa. 

🎤Dhaamsi nama tokkoo daqiiqaa 2 caaluu hin qabu. 

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
www.nuuralhudaa.com