Assalaamu Aleykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh.
Namoota Ogummaa Miidiyaa qaban kan Nuuralhudaa wajji hojjachuu fedhan galmeessuu eegallee jirra. galmeen kun yeroo hundaa banaadha.
Foormii galmee kana yeroo hunda ni hordofna. namoota nu wajji hojjachuuf galmaayan keessaa kan ulaagaa hojiif barbaadamu guute, gama keessatiin eega dubbisnee booda, qormaata dhiheessineefii yoo qormaata dabre hojii irratti ramadna. kanaafuu namoonni Nuuralhudaa wajji hojjachuu fedhii qabdan hundi akka galmooftan kabajaan isin gaafanna.
Ulaagaa galmeef barbaachisu.
☑ Barumsa miidiyaa sadarkaa kolleejjii irraa eegalee hanga sadarkaa ol aanaa ni qeeballa.
☑ Nama osoo waahee miidiyaa hin baratin uumamaan kennama addaa qabu, kan dandeettii isaa ragaan mirkaneessuu dandayus ni qeeballa.
☑ Namoonni Meeshaa hojiif barbaachisu guutuu qaban dursa argatu.
☑ Namni galmaayu hundi CV (curriculum vitae) dhiheesuu qaba.
☑ Iddoon Qubsumaa bakka networkii gahaa qabu tahuu qaba.
Hubachiisa!
Galmeen kun kan yeroodhaan daangeffamee miti. hoggayyuu foormniin kun banaa tura. namni fedhii qabu sa’aa barbaadetti banee galmaayuu dandaya. nutiis nama ulaagaa nuti hojiif barbaannu guutu, yeroo hojiidhaaf barbaannutti gama keessaatiin dubbisna. kanaafuu eega galmaayanii booda deebisaa hatattamaa eeguun hin barbaachisu.
Liinkii Galmee https://nuuralhudaa.com/galmee/
Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa