Kabajamtoota hordoftoota Miidiyaa Nuuralhudaa, yeroon Miidiyaan Nuuralhudaa Gargaarsa keessanitti haajamu gahee jira. Sababaa vaayirasii koroonaa sochiin ummataa guutuu addunyaatti waan uggurameef, tajaajila miidiyaa kanaa haala amma jiruun itti fufuun haalaan ulfaataa tahee jira. Amma dura jaarmaya Sumayyootaa fii Bilaalotaattu Miidiyaa kanaaf tumsaa ture. Ammas Tumsi isaanii addaan hin cinne. Garuu baasiin miidiyaa haala yeroo wajji humna ol waan taheef, Hawaasa bal’aa hirmaachisuun dirqama nutti tahe. Hawaasni biyya keenyaatis magaalota adda addaatti sagantaa eebbaa fi tumsaa qopheessuun yeroo dheeraaf nu cinaa dhaabbataa kan ture tahus, sababaa dhukkuba koroonaatiif sochiin hawaasa biyya keessaa kun guututti dhaabbatee jira. Kanaafuu hundi keenya bakka jirrurraa waan qabnuun hirmaannee miidiyaa kana haa utubnu isiniin jenna.
Hayyama Rabbii guddaatiin guyyaa boruu irraa eegallee sagantaa Tumsa miidiyaa Nuuralhudaa karaa Facebook Live irraan ifatti ni eegalla. Sochii kanaafis ulamaa’iifi hayyoota Islaamaa guutuu addunyaa irraa afeerree jirra. Namni hundi biyyuma jirurraa akka nu gargaaruu dandayuuf, karaa salphaa ittiin nu deeggaran haala mijeessinee jirra. In shaa ALLAAH waan hunda guyyaa boruu kan isin beeksisnu taha.
Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
www.nuuralhudaa.com