Iyyannoo 1ffaa
As wr wb. Akkam jirtan kabajamtoota qopheessitoota raadiyoo Nuuralhudaa, Maashaa ALLAAH hedduu galatoomaa, carraa kana nuu kennuu keessaniif. Maqaan kiyya S.A jedhama. Anaafi Abbaan manaa kiyya eega bultii jaarrannee reef amata 1 guunne. Yeroo kana keessatti hoggu 3 qofa wan arine. Yeroo wal arginu kanatti akkuma dubartoonni hundi godhan aniis if tottolchee isa eega. Inni garuu tottolfachuu kiyya kana narraa hin jaalatu. Innis tottolfatee of hin babbareechu. Mee maal naan jettan? Jettee iyyatte. Iyyannoon kanaan wal fakkaatu amma dura dhihaatee jira natti fakkaata.
Iyyannoo 2ffaa
Assalaamu Aleey'kum warahmatullahi wabarakaatuh. Maqaan kiyya M.M jedhama. Duraan dursee qophessitoota Raadiyoo Nuuralhudaa carraa akkan bareedaa kana nuf kennu kessanif heddu galatoma isiniin jedha! Jaarti bareedduu Rabbin naaf kanne. jaartiin barreedduun tiyya tun yeroo heddu itti dabalaamu fedha. isiin garu fayya hin qabu jetti. garuu fayya numa qabdi. Rakkoofi dhukkuba takkallee isii irraa hin argu. Yeroon isiin dhukkuba himattu yeroma an itti haajamu. kanaf yeroo heddun itti mufaadha. fedhii naf hin guttu. Akka biira waliin jireenya nagayaa jiraanna. rakkoon cimtuun jiddu tenyaa tana qofa. Akkamittin waliin jiraadha jedhee yaddo keyssa galee jira. kanaf murtiin egaadha. kabajaa fi jalaalan naf jiraadhaa!
Iyyannoo 3ffaa.<iframe width="560" height="315" src="https://www.youtube.com/embed/XCtEc-_urnM?goodbarberyoutube=XCtEc-_urnM" title="YouTube video player" frameborder="0" allow="accelerometer; autoplay; clipboard-write; encrypted-media; gyroscope; picture-in-picture" allowfullscreen></iframe>
Assalaamu Aleykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh. Akkam jirtan kabajamtoota jaalalatmtoota qopheessitoota raadiyoo Nuuralhudaa. Duraan dursee sagantaa bareedduu akkanaa nuuf dhiheessuu keessaniif baay’ee galatoomaa isiniin jedha. Maqaan kiyya S.M jedhama. Maqaan haadha manaa tiyyaa R.M jedhamti. Ani arra gama dhaddachaa wanninin dhufeef, dhaadha manaa tiyya himachuudhaafi. Haadha manaa tiyya baayyeen jaaladha. Isiinis baayyee na jaalatti. Gama biraatiin ana caalaa maatii kiyya ni jaalaatti. Aniis maatii isii baayyeen jaaladha. Gama diinagdeetiinis namallee dandahuu baannu namatti hin haajamnu. Yeroo heddu gammachuudhaan jiraanna. Garuu rakkina an irraa himadhu tokkotu jira. Haati manaa tiyya tun, akka tasaa yoo walitti mufanne yoon an jecha takka dubbadhe isiin jedha 3fi 4 dubbatti hangan ani dubbadhe daran deddeebistee lolti. Aniis jalaa callisee suutaa jadhee gorsuuf yaalus, yeroo biraatis sanuma. An takka dubbannaan isiin dachaa hedduun dallantee dubbatti. waniinin ani sodaadhe, anii ilmaa namati, yoon obsa fiixadhee aniis dallansuun daangaa dabruu eegale, jalalaa tenyaa tanatuu badaa jechuutu na yaaddeyse. Gandi keenya ganduma nagayaati. Yeroo dallansuun akka tasaa argamtu qofa boorawa. Dhimma kanarratti hukmiin shari’aa islaamaa maal nuun jetti. Obsaanin isin eeggadha.