Iyyannoo duraa.
Assalaamu Aleykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh. Akkam jirtan kabajamtoota qopheessitoota Radio Nuuralhudaa. Ani maqaan koo Qabsaawaa Islaamaati. Qophiin dhaddacha Jaalalaa baayyee bareedduudha. Haaluma Kanaan itti fufaa isiniin jechaa gama iyyannoo tiyyaatti ceha. Ani Jaartii bareedduu qaba. Akka lubbuu koottin ishee jaaladha. Isheenis haalaan na jaalatti. Garuu yeroo garii haasawan ani qoosaaf itti dubbadhu, dhugaa seetee namatti na jalaa himti. Fakkeenyaaf guyyaa gabayaa qarshii 100 kenneefii, kana hunda maal itti goota jedhaan. Isheen dubbii an taphaaf itti dubbadhu tana dhugaa gootee haadhaafi abbaa isheetti himti. Waan ani taphaaf sitti dubbadhu namaaf hin himin jedhee gorsee dadhabe. Akka zim hin jenne ammoo, Qoxqoxa ykn birrii hin baasu guraagee naan jedhanii maqaa na balleessan jedhee sodaadhe. Furmaanni kiyya maali. Wanti na gorsitan jiraa? Je’ee iyyate.
Iyyannoo 2ffaa
Assalaamu Aleykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh
Ani maqaan koo Madiinaa - L – jedhama.
Aniifi abbaan manaa kiyya karaa halaaliin bultii jaarrannee wajji jiraachuu eegallee jirra. An haalaan isa jaaladha. Innis akkasumatti na jaalata natti fakkaata. Ani yeroo baayyee isa wajji gammadee taphachuu barbaada. Inni garuu yeroo an isa wajji taphachuu fedhu, osoma fedhii kiyya beeku ofirraa na dhoorga. Osoma an isa bira jiru dubra biraa wajji taphata. Yeroo telefoonaan haasoynus, akka an fedhutti na wajji hin taphatu. An nama biroo kan wajji taphadhu hin qabu. Inni na taphsiisuu hin fedhu. Mee maal naaf dhaamtan, furmaanni kiyya maali? Jaarsa kiyya kanaaf maal dhaamtan? Jettee iyyatte.
Iyyannoo 3ffaa
AS WR WB
Maqaa kiyya S. L jedhama
Haadha mana gaarii haalaa fi Ammalli isii na gammachisu qaba. Haalaan wal jaalanna. Nu lameenuu maatii keenyas walii kabajna. Garuu jaartiin tiyya tan akanatti wal jalaanu tun bareedina na boji’uu fii na Hawwisiusu hin qabdu. Hoggaan isii wajji haasawu, haalaan bareedda jedhaan. Jaartiin tiyya taan haalaa amala gaarishoo tun, baayyee baayyee baayyee furdoodha. Kilograama 100 ni caalti. An garuu K.G 52 qofa. An haalaan qallaadha. Yeroo karaa irra waliin deemnu walirraa hin bareennu. Mee furmaanni kiyya maali, waan qalbii tiyya woyyeessee jaalala teenya nuuf tolchu, waan isii tana natti bareechu naaf dhaamaa, murtii abbaan murtii natti kennu obsaan eeggadha.