Jaarsi kiyya haqa firaashaa naaf hin guutu! Dhaddacha Jaalalaa 9ffaa

12/11/2022
Nuural Hudaa


Iyyannoo 1ffaa

Assalaamu aleykum waaramaatullaahi wabarakaatahuu

Raabbin dalagaa keesaa taanaa isin iraa haa jaalatuuu qopheestotaa RNH. Ani maqaan kiiyaa A.H jedhaama. iyaanoon tiiyaa akkaa armaan gaaditi. Anii Abaa mana kiyaa heeduuu jaaladhaa. inilee akasumaa hedduu naa jaalata. Haa taa'uu maalee jaalalaa keenna kana waan tokko nu jalaa diigaa sodaadhee jira. Wanti an sodaadhe Abbaan manaa kiyya wayta dallanu obsa hin qabu. Yeroo an akkaataa jiruu teenya itti fooyyeffannu itti dubbadhu, saniifis akka malee dallanee dubbii hamtuu dubbata. Wayta dallanu akka waan nama achi booda walitti hin deebinee dubbii hamtuu dubbata. Sababaa kanaaf jaalalli an isaaf qabu, onnee tiyya keessaa hir’achaa deemaa jira. gara fuulduraatti hoo, haala Kanaan akkamitti waliin jiraanna jedhee sodaadhe. Amata tokkoof eega biyya arabaa keessa waliin jiraannee booda, akka tasaa tahee inni gara biyyaa galee Oromiyaa jira. anis amma galuuf qophitti jira. wanti yaaddoo guddaa natti tahe; abbaa manaa kiyya kan haalaa amala akkanaa qabu kana, kan waanuma xiqqoo guddoof dallanu kana, haala kamiin isa wajjiin jiruu eegala jedhee sodaadhe. Obsi walakkaa iimaanaati jedhaniimii ree? Waa’ee obsaa kanarratti yaada bareedaa qalbii nama jiisu akka naaf dabarsitan abdii qaba. Kanaaf gama dhaddacha kanaa dhufe. Murtii Abbaa murtii obsaan eeggadha. Galatoomaa.

 

 

 

Iyyannoo 2ffaa

Assalaamu Aleykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh. 

Maqaan Kiyya R.H je’ama. Iyyannoon kiyyas akka asii gadii kana. Abbaan manaa kiyya yoo walitti dabalamnu ykn hoggaa wajji rafnu, daddaffiin fedhii ofii geeffata. An ammoo akka san hin fedhu. Yoo Jabaate daqiiqaa 4 tura. Mee waan kana maal godhutu narra jira. An dhimma kanarratti hedduu rakkataa jira. Ifiif fedhii isaa geeffata, anammoo kun natti hin tolu. Sababaa kanaaf inumaahuu isa jibaa deemaa jira. Furmaanni kiyya maali?. 

 

Waan dhiiraafi dhalaa walitti fidu keeysaa ka duraa dhimma kana. Intalti haadhaafi Abbaa akkaan jaalattu dhiistee biraa dhuftu, maatii isii biraa nyaataafi dhugaatii dhabdeetii miti. Ilmi namaa akkuma nyaataafi dhugaatitti haajamu, fedhiin fooniitis dirqamatti barbaachisa. Akkuma nyaata qulqullina qabu garaa keenyaaf filannutti, fedhii foonii irrattis xiyyeeffachuun barbaachisaadha. Jaarsaafi jaartiin dhimma kana ifatti waliin haasawuu dandayuu qabu. Waan haasawa caaluhuu dalagutti jiraniimii, wajji haasawuun maaliif qaanyii taha. Gama wal qunnamtiitiin gammachuun dhugaa argamuu isaan lameenuu mirkaneeyfachuu qabu. Isiinis ifatti gaafattee isarraa mirkaneeyfachuu qabdi. inniniis akkasuma. fedhii kee siif guututti jiraa je’ee gaafachuu qaba. Yoo akkanatti ifatti wal gaafatan rakkina walii ni hubatan, yoo rakkina furuun hin dandayamne tahe haakima dhaqanii laallamuudha.