Iyyataa duraa
Assalaamu Aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh. Akkam jirtuu Qopheessitotaa Dhaddacha jaalala. Ani maqaan koo Abdii hasan jedhama. Ol iyyannoo kootii Akka deebii qubsaa naf kennitan Abdiin qaba. ani haadha worraa koo baayyen ishee jaallaadha. isheenis najaallatti. yeroo hunda ganamas tahe galgala yeroon dalagaa irraa gara manaa deebi'u Fuula bareedduu kan haalan irraa gammaduun nasimatti. An bakka dalagaatii sa'aa dalagaa koo yeroon fixadhu, galee ishee arguuf baayyen ariifadha. ijoollee kos haala gaariin naaf kununsiti. maatii kootiifis kabajaa guddaa qabdi. ollaa fi Hiriyyoottan koo hunda naf kabajjii. An hojii ishee Hundatti gammachuun qaba. Garuu bakka itti woliif hin galleetu jira. sunis Yeroon Bakka fageenyas tahee bakka dhihoo dhaqee manatti deebi’u, bilbila koo sakattati. An bilbilaa koo itti kennuu hin fedhu. yoon itti kennes lakkofsa isheen hin beknen hidheen itti kenna. Guyyaa tokko tokko Ati bilbila koo maalif shakkita jedhees App fayyadamu hunda maqaa namoota fi naman ittin dubbataa jiru ittan agarsiisa. Garuu ishen hin Amantu. An bilbilaa koo irratti dubartootan hin dubbadhu. ishen waan ani dubartoota bira woliin hariiroo qabuu seeti. Wonni ani dhoksuufis odeeffanno Adda Addaa iccitii nama woliin waanin qabuuf; waan isii hin barbaachifnedha. Wanti kun jaalala keenya way miidhaa jedheen sodaadha. Dhaddacha jaalalaa kanarratti maal nan jettu? deebii isinirra eeggadha. galatoomaa.
Iyyattuu 2ffaa
An Iyyattuu M.B jedhama. Namnin an himachuuf deemu Abbaa warraa kiyya kabajamaa M.A jedhamuudha. Abbaa manaa kiyya haalaan Jaaladha. Innis haalaan na jalaata. Anaafi innis biyya Saud Arabiyaa keessa iddoo adda addaa jiraanna. Yeroo hunda telefoonumaan wal dubbisna. Garuu inni ammala addaa tokko qaba. Waanuma xiqqoof biibbayee dallana. Yeroo dallanu telefoona kiyyas na jalaa hin kaasu. Naafis hin bilbilu. Garuu akka na jaalatu nin beeka. Gama birootiin inni maatii kiyya hin fedhu. An ammoo maatii isaa hunda akka maatii kiyyaatti laala. Waan hundaaf use biibbayuun isaa kun yaaddoo guddoo natti tahe. Furmaata waan kanaa barbaaduuf gama dhaddacha kanaa dhufe. Murtii abbaa murtii irraa kennamu obsaan eeggadha.
Sagantaa Guutuu viidiyoo kanarraa dhageeffadhu.