Jaartii tiyya dhungachuu fedha. isiin garuu hin feetu: Dhaddacha Jaalalaa Doosee 7ffaa

10/05/2022
Nuural Hudaa


Iyyannoo duraa. 

Ani Maqaan koo M. H jedhama. Ani biyya keessa jira. Abbaan warraa kiyya ammoo Awrooppaa jira. Jaalalli inni naaf qabu haalaan guddaadha. Anis onneerraa isa jaaladha. Yoo xiqqaate torbanitti guyyaa 3 naa bilbila. Anis guyyaa hunda sagalee isaa dhagahuuf telefoona harkatti qabadhee hanga bilbilamuuf eegaa oola. Ummaan isaatiifi an magaalaa tokko keessa waan jiraannuuf, guyyaa guyyaan itti dhaqee ziyaara. Waan isiin barbaaddu hunda hanga humna tiyyaatiif  nin guutaaf. Mallaqa inni naaf ergu cinaa isa dhoysee ummaa isaatiif waan adda addaa bitaaf. Garuu haati isaa tun rakkoo takka natti himatti. Ilmi kiyya dafee naaf hin bilbilu. Yoo guddate baatii keessatti guyyaa 1 naaf bilbila. An ammoo yeroo hunda sagalee isaa dhagayuu fedha. Guyyaa hunda qalbiin tiyya isaaf na rarra’aa oolti. Maaliif naa bilbiluu dhabe, way na jalaa dhukkubsatee laata jedhee yaaddawaa oola naan jette. An dubbii tana ummaa isaa irraa dhageenyaan hedduu rifadhe. Imimmaan qabachuu dadhabee ummaa isaa hammadhee booye. Achi booda ka’ee gara manaa gale. Akkuma an mana gaheen natti bilbillaan jalaa kaasee, amma booda osoo na bira hin bilbilin dura ummaa teetii bilbiluu qabda. Oosoo iisii hin bilbilin yoo natti bilbilte telefoona si jalaa hin kaasu jedheen. Innis hayyee nin bilbilaaf naan jedhee hoggasuma telefoona kiyya cufee bilbileef. Guyyaa 2 booda deebisee natti bilbillaan, oosoo telefoona isaa hin kaasin ummaa isaa bilbilee gaafadhe. Har’a sii bilbilee jiraa? Jedhee gaafannaan, lakki naaf hin bilbillee naan jette. Anis silkii isaa jalaa kaasuu didee dhiise. Amma Alhamdulillaah xiqqoo woyyaawee jira. Ummaa isaatiif torban torbaniin bilbiluu eegalee jira. Garuu ana natti mufatee jira. Maaliif telefoona narraa kaasuu didde, maaliif ajaja kiyya hin qeeballe naan jedhe. anis sababa kanaaf iyyannoof gama dhaddacha kanaa dhufe. akka inni ummaa isaatii bilbiluuf telefoona jalaa kaasuu dhabuun kiyya ajaja isaa qeebaluu dhabuudhaa? Yoo akkas tahe ammuma dhiifama gaafadhee araarfadha. Murtii abbaan murtii natti kennu obsaan eegadha. 

 

Iyyannoo 2ffaa

An iyyataa iyyannoo Jabduun dhufe. garuu maqaa kiyya gabaajeenis ibsuu hin barbaadu. Haadha warraa tiyya tan akkaan jaaladhu wajjiin xiqqo walitti buunee iyyannoof gama dhaddacha kanaa dhufe. jaartii tiyya haalaanin jaaladha. Ganamaafi galgala, halkaniifi guyyaa, gadi bahee ol deebinaan isii dhungachuu barbaada. Gabaabumatti yeroo isii arge hunda dhungachuu barbaada. Isiin garuu na hifatti. Dhungoo an isii dhungataa oolu kana hin feetu. Sababaa kanaaf itti mufadhe. Yoo badiin na bira jiraatte naaf himaa gorsa naaf dabarsaa. Yoo badiin isii bira jiraattes itti naaf himaa naa gorsaa. Iyyannoon kiyya kanuma.