Gaafii 1.1. Ani hiriyaa intalaa qaba; intalti tun kiristaana; wajji nyaanna wajji dhugna, akka gaaritti wal jaalanna. Gaafa ayyaan isaaniillee nin kabajaafii, waan kana maaltu narra jira?

01/13/2017

Yaa jara keenya. nuti akka muslimaatti; isilaamummaan tun haqa ilma namaa akkamitti laaltii haa barannuu. Yaahuudaas, nasaaras, waaqeffatas haala jiruu keessatti wajjiin daldalachuu, waan Rabbiin haaram hin godhin wajji nyaachuu, wajji dhuguu, ollummaatti nagaya walgaafachuun huma takkallee hin qabu. Wanni Rabbiin nu dhoorku, nama Adawwii Rabbii ta’e yoo du’e dhiqnee reeffa isaa qabrii geessuun nurratti dhoorkadha. Ammo fayyaa yoo dhabe dhaqanii gaafachuun huma takkallee hin qabu.  Wajji nyaannee wajji dhuguunillee humaa hin qabu. Wajji daldalachuunillee humaa hin qabu waan kana keessatti ammo wanni Rabbiin jibbu akka kirismasaa haa ta’uu, guyyaa isaan waan Rabbiin jibbu kabajan isaaniin wajjiin kabajuun, farshoo wajji dhuguun, bataskaana wajji dhaquun ilmaan muslimaaa cufa irrattuu haaram calla. Wanni saniin achii takkallee rakkina hin qabu.

Dr.Liwaa'ulislaam