Comments
Gaafii 1.3. Shaahii namni dhugee hambise dawoomaaf fayyadamuun akkami?
Yaa gabritti Rabbii. namni tokko yoo ijji isaa tun na miitii shakkiin jiraate; akkuma gaaf tokko Nabiin keenya (ASW) ummata wajjiin karaa deemu namni tokko Afaan dhufee, nama tokko ka fuula bareedaa qabu itti dubbatee, eeganaa nama saniin adda yaa’aanii namni sun lafa dhahe. Akkasitti qabanii Nabii Rabbitti geessanii, “Nama tokkotu nu afaan dhufee dubbii takka itti dubbatee deeme. Eegasii namichi lafa dhahe” jedhanii himaniif. Rasuullis (SAW) “dafaa nama san dhaqabaa” jedhee nama san fidanii itti tufsiisan. Kanaaf jecha kanarraa daliila fudhatanii, gorora nama shakkan san kophatti jechuunii waan qaanfataniif jecha, isa san namoota dhalaa ta’us dhiira ta’us waliimaa tana keessatti yaamanii waan inni itti dhuge sani akka itti fayyadamaniif akkas godhan. kun hukmii shari’aa keessatti humaa hin qabu.
Dr.Liwaa’ulislaam