Comments
Gaafii 1.4. Jaarsi Kiyya akka fedhii tiyya hin qabne naaf hime
Gaafii 1.4. Abbaan mana kiyyaa kun ganamaa wal jaalannee walitti ida’amne, duuba abbaan mana kiyyaa kun nama sirrii isaa qabachuu hin dandeenye. Hogguu ganda dhaqe cufaahuu jaartii tiyya tana bar an yeroofin waliin jira malee, gammachuu hin qabu jechaadha haasawa. Ummannilleen akkasuma waan kana naaf himan. Duuba waan kana deebii’ee gaafadheetiin, wanni kun si bira jirtii jennaaniin, ee bar an waa gammachuu si waliin jiraachuu hin qabuu naan jedha. An ammoo carraaqeetiin isa jalatti uf bulchaatiin jira. Mee maal dhaamsa naaf dhaamtan?
Yaa gabrittii Rabbii, dhiiraaf Rabbi dhalaa uume, dhiirallee dhalaaf uume. Dhiirri tokko intala takka hogguu fuudhu, akkuma abbaan kiyya intala dhalaa takka fuudhetti fuudhee yaadachuu qaba. Fuuni ammas waan torbaaniitiif waan baatii lamaa sadihiitii miti. Intala takka eega walifuutanii yooniifii qaalli keessan walta’ee haalaa amalaan walii galtan wajjumaan jiraachu hamma arrii filattanitti. Yoo waldhibdanii walii galuu dadhabdan wal eeybisu. Magaalarraa akka horiitti wal hin binnee, wanni jiruu walitti dabarsaniif gurra walii dabarsanii ala wal baasuun islaamummaa keessatti dhoorkaadha. Kanaaf jecha waan gurra keetiin dhageesse yoo taate malee, waan namni siin jedhu dubbii alaa hin fudhatin. Maaliif irra hedduun dhalaatis irra hedduun dhiiraatis namni wal hassadee, akkanatti jaarsaa jaarti adda diiguun heddummaatee jira, yoo waan akkasii itti dhaqqabdee inni afaan isaatiin wanni akkasii nabira ni jirti ka jedhu taate, eega siif hin ta’in ana gad dhiisi jedhii hiikka gaafadhu.
Dr.Liwaa’ulislaam