Comments
Gaafii 1.7. Ka'abaa Maaliif Xawaafan?
Gaafii 1.7.Mee akkamitti kaa’baa xawwafna, yoo kaa’baa xawwafnuuf yoo dhungannullee yoo ummanni tokko gaafii nutti dhiheesse, akkamitti kaa’baa xawwaaftan maaliif dhagatti naannoftan maaliif dhagaa dhungattani? Isinillee Rabbii gaditti waa gabbarumatti jirtan yoo nuun jedhan maal jennee deebifnaa?
Rabbiin wanni inni buusee shari’aa godhee karaa nuuf godhe nuti jecha namaatiif dubbii namaa jala hin deemnu. Dubbiiin tun Rabbirraa dhuftee jirti moo ergamaa Rabbi irraa nuuf sabattee jirti moo? Karaan Rabbii ittiin gabroomnu kun Rabbi biraa dhugaan dhugeeffamee dhufee jiraa jechuu qofatu nu yaachisuu qaba. Amrii Rabbiin Guddaan gartanii buusee ta’uu qofa hubanna malee nuti, wanni gartanii kuffaarri gaafii hamtuu nutti darbataniiif, jecha hin taane wayii sammuu keenya jeequuf darbataniif jecha hin wareerru hin dhamaanu jecha diinii keenya keeessatti. Kana Rabbiin SW quraana keessatti kaa’baa qulqullicha san itti xawwafuudhaani hujii hajjii keessanii xumuradhaa. Hattaa Kaa’baa qofa jettee gaafii kankee keessatti beeynal safaa wal marawaa jedhamutu jira bakki biraa ka isin beeytan achillee xawwafuu Rabbii guddaan quraana keessatti dubbate. Seera diiniin Rabbii guddaa ittiin muldhatuu, shari’aa Rabbii guddaatii achi xawwaafuuf safaa walmarwa xawwaafuunillee jedhe Rabbiin guddaan dubbatee jira. Kun Aayaata quraanaati. Akkasuma Rasuula Rabbiittu Aayaata Quraana kana fudhatee karaa nuuf godhee jechuudha. Nutillee karaa Rasuula Rabbii jala deemuun ajaja Rabbii guddaati. Akka Rabbiin guddaan quraana keeessatti nuu dubbatee Rasuula kana imaama isiniif godhee, nabiyyicha kana dura deemaa isinii godhee, mataa isinii godhee jala deemaa. Namni guyaa irraa boodaa Rabbirraa galata keeyrii jaallattanii jannata barbaaddanii ibidda jalaa nagaya bahuu feetan nabi Muhaammadiin imaama godhadhaa jala deemaa, karaa isaa malee karaan natti isin fiduuf nagaya isin baasu hin jiruu jechaa Rabbitu nuuf kennee, Kanaaf Nabi Muhaammad Kaa’baa xawwaafanii jechu. Hujii Hajjii hunda godhanii, waan jedhani; kunoo hujiin hajjii tanaa narraa qabadhaa Jedhan Rasuulli Rabbi SAW. Kanaaf xawwafa Rasuulli Rabbii xawwaafan nutilleen itti hidhannee xawwaafuu qabanaa. Kanaaf Umari Ibnu Kaxxabi dubbii bareedduu takka ka asitti dubbatamuu qabu dubbate. Yaa hajaruu jedheeni yaa hajarulaswad ka jannataa si fidan wallahi yoo ati jannataa dhuftelleen dhagumaa jedheen. Osoo Nabi Muhammadi si dhungatanii amrii Rabbiitiif jecha si dhungachuu baatanii kanin arge silaa si hin dhungadhuu jedheen. homaa takka nama hin fayyaddus homaa takka yoo si dhungachuu baatan nama hin miitullee jedheen. Kana jechuun haqiiqaa warra shakkii namatti facaasuu sani harkaa facaasaa jechu. Garuu rakkoon guddaan nu qabatee harkaa nu qabu diinuma Rabbii kanaa wallaaluu keenyaaf aduwwii ufirraa deebisuu dadhabuudhaan ufitti qaanyawutti jirra malee, yoo silaa diiniin Rabbii guddaa akka amma Rabbi isinii laaffisee Raadiyoo nuuralhudaa irratti gartee nuura bareedduu tanaan, ibsa bareedduu tanaan galuu baanne yeroo hedduu jiruu teenya ufitti qaanfachuun ni malaa jechudha.
Sheekh Alii Jimmaa