Gaafii 1.8. Anaa xiqqoodhaa haati tiyya narraa duutee, haati tiyya islaama garuu akkayoon tiyya kiristaana isitu na guddise. duuba an amata kudha shan booda karaa warra keenyaa deebi’ee islaamummallee baradhee islaamummatti seene. Garuu islamummaa tana warruma keenya keessa namni tokko na naqe malee, namni sheehkaa na hin qabsiisne; islaamummaan tiyya tun akkam?
Yaa gabrittii Rabbii, Haadha tee ta duuteefillee Rabbi Rahammata haa godhu. Rabbiin galannii haa gahu ka sillee gara islaamummatti qajeelche. Islaamummaa mataa keetiinillee seenuu dandeessa. Islaamummaa nama naqaa jechuun hin jiru. Nama humaa hin beeyne qabsiisuuf malee, fakkeenyaaf nama namni osoo islaamummatti hin naqiin ofii islaamummatti seene jala yoo deemte, umar ibnu khaxxaab isaa amata 27 fedhii isaatiion ofumaa islaamummaa seene. Nabiin ﷺ hin qabsiisne. Ka lammeessa yoo jala deemte, damiima warra banii haniifaa sumaamaa bin usaal ka jedhamu ka guyya sadi masjiida nabii keenyaa keessatti sahaabaan hiiteee islaamummatti seenuu didee nabiin Rabbii ufirraa gad dhiisaa jedheen, namni kun ofii laga dhaqee dhiqatee ofii shahaadaa qabate. Nabiin Rabbi hin qabsiifne. Akkusuma ammallee Abuxalahan gaafa ummu suleemii fuudhu waan isiin feete islaamummati yoo naaf galte siin heeruma jechuu irratti eega itti amanee boodatti, qaama isaa dhiqatee dhufee shahaadaa qabate. Shahadaan isaa sun duuba maharii heeruma isii taatee. Tanaaf jecha si qabsiisanis si qabsiisuu baatanis ofiifillee qabattu aalimni qofti nama haa qabsiisu jechuun hin jiru. Namni shahada nama qabsiisu ammoo nama ma’anaa shahada sirra beekumsa qabu ka bu’aa sii buusu ta’uudha qaba. Cufuma keenyaa Rabbiin kalimaa toowidaa Rabbiin nu haa qabsiisu.
Dr.Liwaa’ulislaam