Yeroo Roobaa Salaata walitti qabuun ni jirtii?

01/13/2017

Sababaa Roobaatiif jecha gandi nu keessa jirru kun salaata lama walitti qabnee salaanna, wanti hukmii shari’aa keessa ni jiraa?

 

Yaa gabricha Rabbi, salaatni guutuun; ta duraatii bifa lama qaba. Bifti takka takkaahuu walitti qabuun, takkaahuu gabaabsuun yoo  imaltuu deemte. Salaata gabaabsuun kan akka zuhurii, Asrii, ka akka ishaa’ii lama lamatti deebisuun hukmii shari’aati. Zuhriif Asrii walirra fiddee raka’a lama lamaan salaatuun, jiddutti attahayyaata teessee salaammattee, ka afur walitti hin idaane hukmii shari’aati. inumaa gariin ulomaa’ii wanti jedhan, bubbeen hamtuun tan akka Ameerikaa keessa jirtuu ta fooqii gaggaragalchitu, hamtuun akkanaa yoo jiraatte masjiida yoo dhaquu hin dandeenye manatti salaatuun humaa hin qabu jedhan. Akkuma san Roobni hogguu jirus salaata walitti qabanii Magriibaaf Ishaahii salaatuun sunnama Nabii keenyaati SAW. huma takkallee Rakkoon sirratti hin jiru. Ammoo, akkanumatti hurriif Rooba xixiqqaa sababa godhattee, keessahu warren gartee sababaa lulluuqaatatiin masigiidarraa hafuuf uzrii godhatu kun dogongora. Salaanni akkuma namni hoggaa tokko kampaanii dhaqee hojjatutti salaataaf masjiida dhaquu qaba yoo dhalaa taate malee.

​Dr.Liwaa'ulislaam