Comments
Attahiyyaata malee salaanni qeebalamaa?
Ani numaan salaata rakkoon tiyya Attahiyyaata hin beeku. Qara’uullee hin danda’u, yoo Attahiyyaata ufirraa dhiisee salaata kaan salaate salaanni kiyya fayyaa naaf hin ta’uu?
Yaa gabritti Rabbii, waa hunda dura Rabbiin siif haa laaffisu, wanni ati beekuu qabdu, waa sadi salaata keessatti dirqama. Heeraa seera salaanni itti namarraa qeebalamu barachuun takka, salaata keessatti arkaana waan jedhamu, arkaanni kudha Afuri, kudha afran baraachuun, waajibaanni saddeeti, waajibaata saddeettanis barachuun ilma namaa cufarratti dirqama. Tanaaf jecha attahiyyaanni ati dhiiftu kunis, salaata raka’aa Afurii keessattis waajiba, waajibni yoo beekaa dhiifte salaanni kee sirraa bade, irraanfiidhaan yoo sirraa arkame sujuuda sahwii sujuudda. (sujuudassahwii jechuun, eega salaata xumurtee booda osoo salaamata hin baafatin, sujuuda 2 gootee eegasii salaamata baafatta) Attaahiyyaanni dhumaa ammoo rukniidha, ruknii dhiifnaan beekkumsaan, wallaalaan, irraanfiin dhiistuu, yoo isa dhiifte salaanni kee bade. Kana waan ta’eef jecha, karaa danda’amuun osoo qubettillee katabattee, afaanuma harfii biraa ka beektuttillee yoo katabatte katabadhu. kana qubetti deeffachuun rakkina hin qabu. akkasitti Attahiyyaata baradhu.
Dr.Liwaa’ulislaam