Salaata shananiif salaata duhaatiifii salaata halkanii malee, salaanni biraa ni jiraa?

01/13/2017

Salaanni farditti laallamu salaatuma shanani. Salaata shanan boodaan jaalatamaan salaata halkaniiti. Salaanni biraa ammoo salaata shanan kana boodaan ka deemu raka’aa kudha lamatu jira. Salaata fajrii dura raka’a lama, salaata zuhrii dura afur booda lama, Asriin sunnaa hin qabdu. Magriiba boodas raka’aa lama, ishaa’ii boodaanis raka’aa lama. Ishaa’ii duraaf magriiba durattis sunnaan hin jiru. Salaanni lamaan kun if boodaa qaba jechu. Ka kanaa achii salaanni sunnaadhaa, salaata istikhaaraattu jira, salaata iidaattu jira, salaata juma’aattu jira, hedduudha wanni fardii kana malee jiru. Dura ammoo ka jabeeffachuu qabdu salaata shanan keetiifii wanni achi boodaa cuftinuu sunnaa ta’uu beekuun dirqama sirratti haa ta’uu.

 

Dr.Liwaa’ulislaam