Salaanni ganama sa'aa 4 Maal jedhama?

01/13/2017

Ganda jiru tokkotti guyyarraa toora saa’a saddeetii eega aduun baatee, akkuma san toora saa’aa kudhaniitis salaata salaatu.  imaltuu keessattis salaata walitti qabanii salaatan. Akkuma sani hoggaa bikka itti deeman gahanis salaata ni gabaabsan, takkaahuu salaata walitti qaban. Ana akkasitti salaati naan jedhaniitiin na shakkisiise wanna kana adda naaf ibsaa?

 

Yaa gabrittii Rabbii, salaanni eega aduun baatee saa’aa sadeet irratti salaatan ka biraa hin jiru duhaa qofa. Ka saa’aa kudhanitti zuuriin duratti salaatanis salaatuma duhaati. Takkaahuu namni gariin salaanni subhii isa dabree subhii salaatunillee ni malti. Yoo san hin ta’in wanni yeroo sanitti salaatamu salaatuma duhaati. Ammoo salaata imaltuu keessatti walitti qabuun takkaahuu gabaabsuun kun sunnaa naabiin keenyaa ASW irra nu kaayani. Ganda itti yaa’aan san hoggaa gahanis salaata akkasumatti jam’itti salaatuun kunis sunnaa nabii keenyaati ASW. hogguu karaa deemtu hanga biyya san geessutti salaata ni gabaabsita, jam’ii goota, yoo feetee salaata zuuhrii irratti  Asirillee gabaabsitee salaatuu, yookan zuhri Asrirra fidanii salaatu. raka’a lama lama. Kun cuftinuu hukmii shari’aa keessatti humaa hin qabu. Akkataan isaan itti salaatan kun sunnama nabii keenyaati jabeeffadhu.

 

Dr.Liwaa’ulislaam