Comments
salaata keeysatti dhalaan Faatihaa sagalee ol fuutee qara'uu dandeeysii?
Yeroo salaatu suratul faatihaa akka dhiiratti ol fuudhee yoon qara’e akkam? Yeroo dhalaa waliin salaannu salaatul jama’a akkamitti salaatu dandeenya?
Yaa gabritti Rabbii. waan dhiirti si bira hin jirreen, dhalaa biratti sagalee tee xiqqeessii hamma gurri kee si dhagayutti, nama dhageessisuu hin barbaadin hamma qaraatii tee gurri kee si dhagayutti qara’uun humaa hin qabu. Ammoo dhalaa wajjiin jama’aa yoo salaattan, waldhabbiin salaatul jama’aa dhiraaf dhalaadhaa, jama’aa dhiiraa irratti imaamni dura bu’ee, isumaan duubatti saffiin dheertuun godhamti. Yoo masjiidni xiqqaate dhiirti imaamaan gama mirgatti dhaabbachuu ni dandeessi. Kara bitaatiin ammoo dhaabbachuu hin dandaa’an. Jama’aa dhalaa keeysatti ammoo, dhalaan imaama taatee salaachistu jidduurra dhaabbatti, warri isitti hidhatanii salaatan ammoo bitaafii mirga isiitiin isitti hidhatanii salaatu. Akka imaamni beekamuuf xiqqoo haga taakkuu takkaa fuulduratti bahuu ni dandeessi. Akkataan dhalaan itti waliin salaatu bifa kana Rabbiin sirraa haa qeebalu.
Dr.Liwaa’ulislaam