Rukuu'arratti yoo dhaqqabatan akkami?

01/13/2017

Osoo Imaamni tokko salaataa jiruu ani duubaan yoo itti hidhadhu inni ammo waan qara’u fixe ruku’a godhe, anis osoo faatihaa hin qara’in yoo ruku’a godhe salaatni kiyya taatii? Yoo  itti guuttadhee jiraadhe akkam? Yoo hin guutattin hoo ammaan deebisuu qaba moo akkam?

 

Obboleessa kiyya salaanni akka lama, namni imaamatti hidhatee salaatu, yoo ka salaata halkanii ta’ee ka magriib fa’a ishaa’ fa’a, subhii fa’a ka imaamni olfuudhee qara’u ta’ee ka imaama qaraatii isaa dhageettu taate ati qaraatiin sirraa dirqamaa miti homaa sirra hin jirtu. Yoo ammoo salaanni kee salaata guyyaa ta’e ka ati imaamtichaan waliin salaatte, faatihaa qaraatu malee salaanni hin ta’uu jedha shari’aan Rabbii guddaa. kanaafuu salaatattiin sun deebifamuudha qabdii jechuu kilaafni Ulamaallee keessumaa haa jiraatu, ammoo irra tolfachuuf, amaanaa gama Rabbii ufirraa buusuuf salaatattii deebisutu gaariidhaa.

Sheekh Alii Jimmaa