Hukmiin Taraawiihaa maali? Taraawihni dhiiraafii dhalattis waajibaa?

01/13/2017

Taraawiihni Waajibummaa hin qabu. garuu jamaan dhaabbachuun caalinna guddaa qabaa keeyrii gurguddatu keessa jira jechuudha malee, yoo akka biyya gariititti dhiiraa dubartiin walitti dhufanii Taraawiiha dhaqna jedhanii maasiyaa adda addaa ka dalagamu taate, ka namuu taraawihaa yaana jedhanii ijoolleen dubraa bikka hedduutti walitti dhufanii waan Rabbi hin jaalanne  fasaada adda addaa oofan taate salaata saniif bahuun haraama taatiiyyu jechuudha. Salaanni salaata sunnaatii namni mana ufiitti salaatuu ni danda’aa, garuu yoo akka amma bikka  hedduuti barnaamijni isaa qajeelee dhiirris akka gaaritti walitti dhufee adabaan dubartiinis walitti dhuftee ka rakkoo tokko hin argamne namuu maatii isaa makiinaa isaatiin fudhatee salaatee fudhatee ka deebi’u yoo taate, ka keeyriin keessatti  ka argamuu yoo taate faayidaa guddaa qabaa.  Keeyrii gurguddaa saammachuun yoo gorsi keessa jiraatee fa’a, namni Rabbi sodaatu ka namaan salaatu ta’ee, quraana kanallee xiinxallaa isaatiifii gorsa achitti kennamullee fudhachuun faayidaa qabaatu taate dhaqanii salaatuun akkaan jaallatamaadha, laakiin waajibummaa hin qabuu jedha shari’aan.

Sheekh Alii Jimmaa