Comments
Raka’aan Tarawiihaa hangam? 11 moo 23?
Gaafiin akkanaa tun yeroo hedduu bakka heddutti deddeebitee jirti, bakka takkatti salaatuufii walitti qabanii salaatuu jidduu jechuudha, tartiiba isiin qabdutu jiraa, raka’aa lama lamaan salaatamuudha sunnaan isiidhaa. Caalaan isii ammo Rasuulli Rabbii ﷺ raka’aa kudha tokko waan salaataniif jecha raka’aa saddeeti lama lamaan salaatanii ka kurmaffaallee witrii lamaan salaatanii tokkoon cufuunis ni jirtii. Sadan boodaa walitti qabanii salaatuunis ni jirtii. Akki cuftinuu numa jiraa kanaafuu, raka’aa saddeetii witrii sanaan wajjiin walitti raka’aa sadiin walitti kudha tokkoo salaatuu santu irra jaallatamaadhaa. Namni ammallee digdamii sadi salaanna jedhes inshaallah sunnaadhuma salaatul leeyliitii yoo irratti dawwaman Rabbi keeyrii ni godhaaf inshaallah ammo caalaan ka raka’aa kudha tokkoo sanii jechuudha.
Sheekh Alii Jimmaa