Comments
Hukmiin Azaanaa maali? Gara Qiiblaa garagaluun maaliif barbaachise?
Hukmiin Azaanaa maali? Gara Qiiblaa garagaluun maaliif barbaachise? Yeroo Hayyaa Alal Salaah fi Hayyaa Alal Falaah bitaa fi mirgatti garagaluun maaliif barbaachise? Akkasuma bakka kanatti lahawla walaaquwwata Illaa billaah jechuun maaliif barbaachise?
Gaafiin duraa, wanni qiiblatti garagaluun barbaachiseef, awwalan amrii Rasuula Rabbiiti ﷺ. Ulamaa garii biratti qiblaatti garagaluun waajibaa miti, namni tokko yoo qiiblaa maleellee Azaane rakkoon hin jiru jechatu jira. Garuu qiiblaa malee salaatuun hin tahu. Akkuma Rabbiin Aayata qur’aanaatti dubbatetti salaata keessatti sun waajiba. Garuu azaana keessatti qiiblatti garagaluufii garagaluu dhabuun sun waajibaa miti. Wudu’a qabaachuuf qabaachuu dhabuun waajibaa miti. Sun ammo wannni gara bitaatiifii gara mirgaatti jedhaniif akka azaanni sowtiin/sagaleen bakka muslimni qubatu hundahuu akka dhaqabuuf hikmaa saniif sahaaba ufii akkasitti Rasuulli Rabbii barsiisee jechutu daliila. Gaafii lammaffaa keessatti ammo maaliif yeroo Mu’azzinni Allahu akubar jedhu walumaan jedhaa dhufnee hayyaalalsalaatiif hayya alalfalah irratti maaf laa hawla wal quwwata illaa billaah jennaa. Gad of qabiinsa Rabbii keenyaaf goonu. Hayya alalsalaah hayya alalfalaah dura maa’naan isii maal jechutti nu geeessa. kanaafuu gartee koottaa gara milkii Rabbiitiif gara waan itti milkooftanii salaataafi ibaadaa Rabbiitti milkooftanitti koottaa yoo Mu’azzinni siin jedhu, dhufiinsa sani irratti, yaa Rabbi mala dhufnuun hin qabnu akkasuma dandeettii mataa keenyaan of kaafnee ufiin hin dhufnu yoo ati irratti nu gargaarte malee yaa Rabbi jechaadhaan kadhaa Rabbii ufii kadhachuufii wanti nuti hojjannu martinuu mala keetiifii dandeettii keetiin yaa Rabbi jechutti humna kana Rabbitti deebisuu, namni hundinuu waan Rabbi isaa goosise maraahuu anatu godhee bar anatu akkas ta’ee bar jechaan adabaa mitii jedhan. Rabbumatu gartanii na goosise Rabbumatuu waan akkanaa godhe jettee dura dandeettii tanaaf collummaa tana Rabbitti deebisutu irra adabaa jedhan, Rabbiif gabricha jiddutti tanatu jiraachuu qaba. Adaba kanarraa ka kaateef hayya alalsalaah hayya alalfalaa yoo jedhan laa hawla wal quwwata illaa billaah malaaf dandeettillee hin qabnu yaa Rabbi waan ati nuu gooteef nuu laaffifte malee jechu, kanatu itti fedhamee jechu.
Sheekh Alii Jimmaa