Rakkoo takka malee salaata gabaabsuun danda'amaa?

01/13/2017

Kafiilli an bira dalagu namoota hedduuf sadaqaa godha. Guyyaa tokko gara nama 40tiin dhufanii achumatti nyaatanii, salalata Zuhrii fi Asrii walitti qasrii godhanii salaatan. Haalli kun Shari’aa keessatti akkamitti laallama?

 

Namni yoo bikka takkatti walitti qabamee jiraate, yoo Roobni jiraate salaata jam’ii  godhuu numa danda’an; masaajidattillee godhuun numa danda’ama. Maalif jennaan uzriidhaaf Rasuulli Rabbii hadiisa Abdallaah ibnu Abbas, gabaase keeysatti; nabiyyiin Rabbii ﷺ Salaata Jam’ii godhanii salaatan, maaliif gootan jennaan jedhanii gaafatamnaan; ummata kiyyaa laaffisuuf Rahmata godhuufi jedhan. Duuba kun rakkoo hin qabu aadaa godhachuu hin barbaachisu malee, rakkoo hin qabu yeroo tokkoof yoo akkana godhame ulmaan itti walii galanii jiru.

Sheekh Alii Jimmaa