Comments
Zakaa jechuun Maal jechuudha?
Yaa gabrittii Rabbii. yoo biyyumatti dhalatte, magaalatti dhalattus warri magaalaa mallaqa hin wallaalu. Ammoo sanuma waliinuu xiqqeenyaan biyyaa bahee an humaa hin beeku yoo ka jettu taate, horii yoo Rabbi sitti kenne 10,000 yookaa 20,000, 30,000, 100,000 qabaattuu kuma tokkorratti qarshii 25 baafta mallaquma fedhe ha ta’uu. Yoon horii ykn gaala ta’e ammo, gaala shan yoo qabatte re’ee takka kennita. Yoo re’ee qabaattee re’ee 40 keessa takka kennita. Yoo horii qabatte horii 30 irratti jabbii takka kennita. Ammoo ta midhaanii ulamaa baadiyaa qubatu gaafadhu. Namni kennituuf ammoo, warren saddeettan Rabbiin dubbate suuratu Towbaa keessatti. Zakaa kee haadhaafii abbaa keetii hin kennin. Waan achii gadii ammoo eessumman kee, adaadaa kee, adeerran waan qabdu cufaa kan miskiinaatiif kenni isaaniif haqaa dura. Yoo isaan qabaatoo ta’an miskiina biraatiif dabarsita. Garuu ammoo Zakaa kee masjiidaan hin ijaarin, akkuma san madarasaanis hin ijaarin. Wanni inni godhameef masjiidaaf madarasaa mitii, karaan inni itti kenname jara saddeettan sani.
Dr.Liwaa’ulislaam