Obboleessi Kiya maatii heddu qaba. Zakaa irraa baasuu danda'aa?

03/25/2017

Zakaatalfixrii abbumatu ufirraa baafata. yoo gartanii nyaata guyyaa san nyaatee maatii isaa gaheefii waan zakaatulfixrii baasuu gahu qabaate jechu, isumatu ufirraa kafaluun jaalatama. Yoo ammoo akka amma niyyatte kana feete, xiqqoo waa qajeelchuu barbaachisa. Zakaatal fixirii isumatti baafachuu qaba. Innilleen ka ufii haa baafatuu, ati ammoo kankeetiif ka maatii keetii isatti baafachuun gargaaruu jechu. Fakkeenyaaf inni yoo ka ufii uf jalaa baase, kankee ammoo sadaqaa isaa taatii jechudha rakkoo hin qabu. Haala kanaan yaala godhuun ni danda’ama, ni jaallatama jechu. Akka innillee ka ufii ufirraa baasu. Yoo ammoo keessa dubbii atuu gartee beeytee, wanni inni baasu sun ilmaan isaa bira dabartee maatii isaa kanarraa hin haftuu yoo beeyte, kennuufiin jaalatamaadha innummaan ufii isaatii haa baafatuu jechuudha.

Sheekh Alii Jimmaa