Comments
Biyyarraa turee biyya dhaqe. Intalti takka ajnabii takka Waan addaan turree walitti dhufneef akkuma aadaa biyya keenyaatti, natti fiigdee natti maramtee, dhungoo narra harkifte. Soomanni kiyya narraa badaa?
Yaa gabiricha Rabbii. ajnabii hogguu jennuu waa yahuudaaf nasaaraa jechuu miti. Intalli adeera keetillee, ta adaadaalleen, ta haboolleen ajnabi. Mallaa dhungachuun, harka fuudhuun dhoorka sirratti. Garuu waan fedhinnaan si keessa hin jirreen, hatantamaan wanni kun waan si mudatteef Rabbuma kee kadhadhu humaa sirratti hin jiruu. Garuu itti hin deebi’in. Namoota sanninillee barsiisuu qabda. Soomanni kee sirraa hin tuqamne Inshaallaah. Yoo ammo ka dhungoo tana keessatti waa ka sirraa bahu taate wanni akka maniyyii sababa dhungachuudhaatiin soomanni kee bade. Yeroo sanitti yoo itti irkattee ykn waliin teessee waliin haasoftee bishaan qaldhaan mazhii jedhamu sirraa dhufe, sun wuda’a ni balleessaa bikka si tuqellee ufirraa dhiqi.
Dr.Liwaa'ulislaam