Haati tiyya yeroo cufaahuu soommana keessa deessi, waliitti dhaabdee soommana sadi, yoo isirraa bikka bu’ee soommane danda’aa?

03/25/2017

Yaa gabricha Rabbii, namni tokko osoo addunyaa irra jiruu, namni tokkollee bikka bu’ee namarraa waan isarratti Rabbiin dirqama godhe godhuu hin danda’u. Walumaagalattuu haati tee ta ramadaan keessa deesse, Ramadaan boodaan baatii 11 lafa jira. Amata tokko keessatis baatima tokko jechu walumaa galattuu wanti irra jiru, hoggaa deesse booda, yeroo ulmaa baaterraa baatii kudha tokkotu lafa jira, hamma dandeessutti qadaa ufirraa fixuudha qabdii. Ammoo qadaa amata sadeen kana waliin hafuun, yoo rakkinni fayya dhabaa isii akkas godhee, ramadaana kaaniin ka haftu taate, humaa isii irratti hin jiruu qaduma baaftii kaffaaralleen irratti hin jiru. Yoo ammoo beekaa hoggayyuu teessee osoo fayyaa qabduu ramadaan kaaniin hafte, ulamaa’iin gariin kaffaaratu irra jira jedha. Kaffaaraanis fakkeenyaaf baati sadi soommanni kaffaaraa sadii guyyuu nama tokko uf wajji fursiisu. Takkahuu nama tokkoof fakkeenyaaf mataa namaatti kiiloo lamaaf cinaa kennu midhaan jiraa lakkoofsa guyyaa saniitiin. Yoo akkasitti adda addaan hin dandeenyee, nama walitti qabdee bikka takkatti lakkoofsa baatiitti nam soddomi nyaachisuu ni dandeessi. Rabbiinillee namni tokko ka soommana fure fayya dhabaan imaltuun haa ta’uu qadaa akka baasan ajajee jira. wanni irratti jiru qadaa soommanee booda aansuu kanaaf toowubuma. kaffaaraan irratti hin jiru jedhani ulamaa’iin gariin. Walumaa galattuu yoo qabaataa taate akkasitti kaffaaras godhi. Yoo dhabaa taate ammoo soommanuma kee qadaa sirra jiru baasiitii  Rabbii kee araarama kadhadhu.

​Dr.Liwaa'ulislaam