Hammaama Keessatti Darsii dhaggeeyfachuun hayyamamaa?

03/25/2017

Gaafii

Mee diinii Rabbiin nuu laaffise kana nuti dubri/ yooka dubartoonni biyya adda addaa keessatti hojii mana namaa hojjannu yeroo hedduu waan yeroo gahaa hin qabneef darsiin nuuralhudaa irraan nuuf dabru shari’aa Rabbii ka barachutti jirru gurratti dhageeffataa mana keessa deemnee hojii hojjanna. Yeroo garii akka mana hammaamaa seenuudhaan nu mudattii. Yoo waan akkana kana qurana Rabbiitiif hadiisa Rasuulaa kana mana akka kanaa keessatti mana hammaamaa keessatti hammaama dhiqaa hammaama tolchaa dhageeffanne dilii qabaahii?

Dilii hin qabu, wanni gurraan dhageeffatan dilii hin qabu. Waan agartanii zikrii Rabbiitiifii yoo quraana fa’a ta’e qofa achi keessatti dhageeffachuu dhabuun yookaan dhiisuun irra caalaadha. Waan ammo gorsaatiifii waan haasawaa, gartee namni ufii haasawutu dhoowwaadha malee, dhaggeeffachuu shari’aan dhoorkiteef daliilli dhoorkellee hin jiru. Garuu wanti dhaggeeffattan sun yoo jecha Rabbiif jecha Rasuulaa ta’e hanga mana hammaamaa keessaa bahanitti irraa xiqqoo obsuun jaallatamaa ta’a kabajaa jechoota kanaatiif jechuudha.

Sheekh Alii Jimmaa