Yoo nama miidhe obboleessa ofii abaaruun taatii?

03/25/2017

Gaafii 
Obboleesssa kiyyaan wal dhabnee rakkoo haala adda addaa irratti miidhaan natti muldhatee jennaaan abaaree, obboleessi kiyya yeroo gabaabduu keessati miidhamni isa mudatee eegasii ufirratti beekee dhiifama na gaafatee, dubbiin kun akkam? Ani ammoo anaa miti jedhee waakkachutti jiraa, Rabbuma biraa sitti dhufte jechutti jiraa dubbiin kun akkam?

 

Deebisaa

Dubbiin Rabbi biraa dhuftus si biraa dhuftus, namni tokko yoo gaafatame yeroo hundaahuu awfii godhuudha qaba. Rasuula Rabbi biraa SAW hadiisni sahiihaa kan Obboleessa keessaniif irra dabraa jedhu ni jira. Kanaafuu namni tokko  yoo naa dhiisi obboleessa kiyya jedhe dhiifama gooneef Rabbitu dhiifama nuuf godhaa jechaadha. Awfii godhuun barbaachisaa dha. Eega abbaan tokko Awfii naa godhi jedhee Awfii namaa godhuun jaalatamaadha barbaachisaadha jechudha.

Sheekh Alii Jimmaa