Ani haadha lamaan qaba, ta na dhalte osoo jirtuu ta biraa na guddifatte, eega biyyarraa bayee haati tiyya akka jirtuun dhagaye, lameen keeysaa kamtu irra naaf caala?

03/25/2017

Yaa gabritti Rabbii haadha jechuun bar ta baatii 9 garatti si baadhattee dhaltee si guddifte, isiifii haadha buddeenaa walitti fiddee haadha lama qaba ufiin hin jedhin. Tana bar nyaattee dhugdee udaantee fincaantee bira jiraataa turtee. Tuni garatti siin deemtee, si dhaltee haadha teetiif ta biraa walitti hin qabin. Namni haqa sirraa qabu haadha teeti tuunillee haqa guddisaa qabdi. Akkuma nabiin keenyallee ﷺ ummu Eeymaniin haadha tiyya jedhu,  akkasumas haadha Halima sa’adiyaan haadha tiyya jedhu,  waan biratti guddateef jecha. Haqni kabajaadhaa hin hafu, haqa sanillee ufirraa eegi.  haqni haadha teetii yoo sadi ta’e, haqni haadha si guddiftee ammoo 2 tahuu danda’a.  kanafuu haqa jara lamaanituu eegi hanga dandeesseen.

 

Dr.Liwaa’ulislaam