Abbaan kiyya Jaartii 2 qaba. haadha tiyya ni miidha.

03/25/2017

Gaafii

Abbaan kiyya warra lama qaba. warra lamaan kana wal hin qixxeessu. Haati tiyya ta duraati. ilmaan qabdii hedduu moggatti darbamtee ta boodaa tana maqaa isiitiin waa cufaa godhaaf. Amma haati tiyya  na yaamtetiin, koottuu rakkoo tiyya tana naaf walqixxeessi naan jetti, yoon amman tana dhaqe isaan jidduu yoo adda baase rakkoon narra geessu jirtii?

Deebisaa

Yaa gabricha Rabbii, waa hundaa dura wanni beekuu qabdu, abbaan keetilleen dhiira, haati teetilleen dhala. jarri kun lachuu dogongora ni qabu. Isiinillee dogongora ni qabdi haadha tiyya jettee jarjartee haqa hin muriniif, abbaan kiyya dhiira jettee baaxilallee itti hin murin. Dhaqii laali haqa haatee himattu tana, maaliif jennaan dhalaan kun hoggaa irratti fuudhan sababaa masaanuutiif jaarsa isiidhaa waan hin qabnellee irra kaahuun ni malti, waan hin jirrellee irratti uumuun ni maltii dhaqii dubbii addaan baafadhu, dhugaa jirtu takka baradhu abbaa keetiin maaliif wanni akkanaa ta’e jedhii isa wajjiin haasawi. Eega wanni isiin himattu kun dhugaa ta’uu beektee karaa mana murtii hin fiigin, karaa adeerran keetii, karaa manguddoo karaa ulamaa’ii deemiitii karaa Rabbiin jaalatuun jidduu isaaniititti nagaya uumi, jidduu isaaniitti aduwwii hin uuminii.

 

Dr.Liwaa’ulislaam