Jaarsi kiyya na hiikee, guyyaa 3 booda si deeffadhe naan jedhe,

03/25/2017

Gaafii 

Jaarsi kiyya na hiikee, guyyaa 3 booda si deeffadhe naan jedhe, isa kana ammoo Rabbiin isatti qaddaree hidhamee gara biyyaa darbame. eega biyya dhaqee, an jaartii tiyya hiikee deeffadhe jedhee warra kiyyaaf hime. Abbaan kankoo na gaafannaan duraan nin didee, ufirraa ammaan tana ee raaja’atuu naa jedhe jechaa natti hime, duuba raaja’atuun inni naan jedhe sun bakka jirti moo bakkaa hin jirtuu?

Deebisaa

Yaa gabrittii Rabbii, fuudhaaf heerumni, hiikkaan akkkasumas iddaan akkuma sani zihaarri, akkuma sani iilaa, wanni gartee fuudha ahkaama shari’aa keessatti dhufu cuftinuu sihis hin laaltuu gurbas hin laaltu. Wanni ati beekuu qabdu, hiikkaan harka gurbaa jirti, iddaa lakkaawachuun harka kee jirti. Yoo gurbaan si hiike jedhe hiikkaan tee tun hiikkaa tamii addaan baafadhu. Namni eega walitti dhufee yeroo duraatiif yoo wal hiike baatii sadi qaba. Baatii sadeen keessatti gurbaan kun yoo raaja’atu hin jedhin, yoo walitti deebi’uu feetan eega baatii sadi dhumtee, haarayatti maatii keetitti ergatee nikaaha si godhachuu dandaya, ammas lammeessa si hiika bubbullee, hardhas wanni isin lafaa qabdan guyyaa sagaltama baati sadi jechu. Baatii sadeen kana keessatti yoo raaja’atu jedhe, ati jaartii isaati. Taraa duraatiif ta lammeessaa keessattis ati mana kee keessaa bahuu hin qabdu. Akka Rabbiin jedhetti manarraa hin baasinaa jedhe. Mana kee keessatti haga baatii sadeen sanii jaarsa kee wajjiin Rafuu hin dandeessu, nyaata godhuu, huccuu isaa miicuu, mana kee tajaajilachuu ni dandeessa jechu. Waani inni ammo raaja’atu siin hin jedhiniin isaan wajjiin ciisuu hindandeessu. yoo ammas baatiin sadi dhumte yoo walitti deebi’uu feetan nikaya haarayaafii maarii haaraya. Ka’ee gurbaan kun sadeeffatee yoo ammas si hiike jedhe, gaafa kana darsa kankee guuradhuu mana sani hin bulinii achirraa bahi. Jaarsa kee kanaan walitti deebi’uu hin dandeessan. Yoo osoo sadihiin si hin hiikin  raja’aan gurbaan si deeffadhe siin jedhe bakka jiraatte. karaa hukmii shari’aa deebi’I takkaa mana murtii  barbaadii mana murtiitiin takkaahu maarii isaa waan siif godhe deebisiifii qulqulliin na hiiki jedhiin malee, eega raaja’atuu siin jechaa gurra kankeetiin dhageette jaarsi kee si deeffate.

Dr.Liwaa’ulislaam