Gaafii
Yoo Rabbiin fedhe heerumaafin deema biyyatti. Garuu ammoo namni hedduu silkii natti dhahanii shamarran kiriistaanaafii kaanis huccuu siif qopheeffanne miizee siif ta’uuf naan jedhani. Miizeen tun shari’aa keessatti halaalii? Kanaaf ani waa hunda baasee waan aadaa awurooppa godhan kanallee hin fedhuu dhaamsa maal naaf dhaamta?
Deebisaa
Huccuun ati uffattu magariisa, adii, bunnii waan fedhee haa taatuu, yoo satrii qabaattee harkii dheeraan cuqqaallii haa tahu, feetu garteee hijaaballee gubbaan uffachuu dandeessa akka intala muslimaatti. Huccuu qaama nama muldhistu ta aadaa nasaaratiif yahuudaa hin godhatin. Ta diggisiidha ammoo sun sumaaf gurbaa laaltii, waan dandeessaniin godhaa yoo hin dandeenyellee of hin dirqinaa. Ta ammoo miizeedhaa, dhalaan namaan wajjiin deemtee gizee ati teessu si cinaa taa’anii dhiirtis dhiiraan wajjiin gurbaan miizee godhachuun hukmii shari’aatti haraami. Akka aadaa badduu warra baadiyaa intalti Miizee jedhan tuni dhalaa bira buluun dhiirtinis guyyaa lamaa sadi buluun, addaan isaan ittisuun haram calla. Waan akkasii irraa akka fagaattu.
Dr.Liwaa’ulislaam