Gurbaa biyya jiru tokkoof nikaaha na godhan. Inni ammoo horii an dalagadhu natti ergi naan jedha. Koottuu gali naan jedhee an ammoo amata tokko booda aane. Kanaaf maaltu narra jira.

03/25/2017

Horiin ati carraaqachaa jirtu halaal keeti. horii isatti erguudhaaf dirqama hin qabdu. Abbaa keetti, haadha keetti nama feetetti ergachuu dandeessa.  biyyarraa bahuun kee daangaa cabsuudha. san Rabbii kee kadhadhu waan sirraa dabre. Ka biroo ammoo Jaarsi kee gali siin jedhee ati galuu dhabuun sirrii miti. eega jaartii namaa ta’uu of beeyte gali. Diddee taa’uun keetilleen balleessadha. Rabbii kankee ararama kadhadhu isallee dhiifama gaafadhu. Qajeeli abbaa mana keetiif, dalagatti hin deebi’inii taa’i yoo siin jedhes taa’i. Waajibni nafaqaadhaa isarratti jira. malee sihii miti ka dalagee isa nyaachisu.

Dr.Liwaa’ulislaam