Akka Hukmii Shari’aatti, Jaarsaafii jaartiin dhimma dalagaatiif adda deemanii yeroo hangamiif adda turuun hayyamama?

03/25/2017

Gabricha Rabbii, hukmii shari’aatti baatii afur irraa hanga baatii jahaati. Ammoo achi ol amata lama ta’us amata sadi ta’us yoo isin jidduu waltahiinsi jiraate huma takkallee rakkoon hin jiru. Amata lama ta’uu sadi ta’uu waani ati riziqiif deemtuun waan isiinis nuuf waa godhutti jiran si beeytuun fedhinnaa isiitiin, haqa firaashaa dhiifama siif gootee hangas teessee yoo itti dhayxe, humaa takka sirratti hin jiru. Garuu ammoo Rabbi rizqii sitti kennee yoo dandeettii qabaatte, amatuu dhaqi.

Dr.Liwaa’ulislaam

 

Wal tahiinsa keessaniin amata lamaa Sadihittillee adda turuun rakkoo hin qabu.  garuu intalti tun yoo sababa ati fagaatuutiin waan biraa keessa galte, dhiiraan wajjiin nyaachuu, dhiiraan wajjiin shirshirii, dhiiraan wajjiin deemuu, dogongora keessa yoo galte, itti gaafatamtaa beeki. Takka jaartii tantee akka jaartiitti qabattee mirga isii eegdee wajjiin jiraachu akka Rabbiin jaalatutti qabattee wajjiin jiraachuu, yoo isii tana dhiiftee ta biraa fuudhuun si keessa jiraates, Rabbiin si beekaa ilmoo namaa hin qoronya’in, hin rakkin, takka akka jaarsaa jaartitti wajjii jiraachuu takkaa ammoo intala tanaa karaa gad dhiisi.

 

Dr.Liwaa’ulislaam