Nikahani kankee fayyaadha. Ta duraa namni nikaya nama hidhu nama waliyyii kankee ta’etu nikaya si hidhuu danda’a. waliyyii jechuun irra caalatu abbaadha jenne malee, irra caalaa itti aanutu obboleessa jenne malee, irra caala itti aanutu, adeera ykn wasiila yookan akaakoodha jenne malee asliin wilayummaa, nama wilaayaa kankee harkaa qabu ka ati harka isaa jalatti guddattee, ka abbaa manaa haadha keetiillee ta’u jechu ka haadha kee fuudhe. Namuma abbaa fedhee haa ta’uu ka si guddisuudhaan, si yaaluudhaani ka tajaajila kankee harkaa qabu santu waliyyiidha jedha shari’aan. Sun kaa duraa abbaadhumatu ilmoo yaalee tajaajilaa, ka itti aanu obboleessaa, adeera, akaakoodhaa, eessumatu itti aana . Kanaaf shari’aan eessumni dhufee nikaya hin godhin haga jarri kun jiranitti jetti malee shari’aan eessumni nikaya godhuu hin danda’u jechaa miti. Yoo Abbaa, obboleessa, Adeeraa fi Akaakoon hin jiraannee, eessumni nikaaha gochuu ni danda’a.
Sheekh Alii Jimmaa
Comments
No comment
Yaada Kee nuuf Gumaachi!
Yoo eessumni kiyya nikaya na hidhe, ka maatiin kiyya ka gara Abbaa hin jirre nikeenni kiyya kun akkamii?
03/25/2017