Yaa gabricha Rabbii, Rabbumatu beeka dhalaa hanga ati dubbifte. Dhalaan ani sayyiba siin jette dhugaa dubbatte, dhugaa sitti himte jechu. Intala sayyibaa fuudhuun eeybii miti. Nabiin keenya ﷺ irra caalaan ilma namaa isaa amata 25 intala amata 40 kadiijaa ta isaan duratti dhiira lamatti heerumte fuudhe. Yoo sii taate fuudhi. Yoo sayyibaa fuudhuu hin fedhin ammoo, biyya itti dhalatte dhaqi ni argattaa intala haadhaaf abbaan kee guyyaa dhalatte beekan dhaqii fuudhi. Garuu ammoo namni dhugaa siif himee an sayyiba siin jedhe, sun intala dhugaa dubbatu jechu.
Dr.Liwaa’ulislaam
Comments
No comment
Yaada Kee nuuf Gumaachi!
Fuudha Barbaada. dhalaan ani dubbisu hundi, ani heeruma numan fedha garuu dubraa miti naan jetti. malli kiyya maali?
03/25/2017