Jaarsaaf jaartiin takkaa yoo jaartiin ibaadaa qabaatte, yoo jaarsi ibaadaa hin qabaanne, tokkoon isaan lamaanii ibaadaa qaba, ka ibaadaa hin qabne sun ibaadaa nama kaanii ni miidhaa?

03/25/2017

Yaa gabricha Rabbii, wanni guddoon sirraa hafte jaartii salaattu nama hin salaanne wajjiin jiraachuu ni dandeessi maaliif hin jenne? Jaarsi ibaadaa qabu jaartii ibaada hin qabne waliin jiraachuu danda’aa? Bakka salaata walii ni miidhanii jettee gaafattu kana odoo akkanatti gaafii diriirtuu akkanaa asi kennitee irra gaari. Garuu ammoo walin siif qixxeessa, intalli muslimaa ta ibaadaa qabdu takka jaarsa hin salaanne waliin jiraachuunuu haraami, wajjiin rafuun haraami, isallee kaddamuun haraami. Maaliif isiin muslimaa inni kaafira jechu. Yoo ammoo munaafiqa salaanni itti qaqqadaahu ta’e, kun ammoo dandii munaafiqaa gubbaa jira gorsatti haajama, kufrummaa hin kenninuuf. Kanaafuu kana wajjiin jiraachuu ni dandeessi. Ammoo salaanni namtichi ufii ibaadaa qabu ta jaartiin ibaadaa hin qabne sun salaata isaa isiidhaa mitii ka qeebalu Rabbii tokkichaa salaata isaa huma takkallee hin miidhu.

 

Dr.Liwaa’ulislaam