Abbaan kiyyaa anaa xiqqoo narraa du’e, obboleessa kiyya ka karaa Abbaatitu na heerumsiisee, obboleessi kiyya ka waliin dhalanne xiqqaadha numa jira garuu, nikeenni kiyya kun akkam?

03/25/2017

Yaa gabrittii Rabbii, Namni intala dhalaa tana nikaha godhu namni mirga qabu nama kudha tokko. Kudha tokkoon kanaan duratti filamaan namani dirqamni gurguddaan karaa tokkoffatti kan laallaman nama shani. Fakkeenyaaf ka dura mirga guutuu dhibbarraa dhibbati qabu abbaa kankeeti, ka isatti aanu nama inni itti dhaammate nama inni wakkalate foon isaa ta’uu, ta’uus baatuu. Ka abbatti aanuu intalti sun yoo akaakoo qabatte akaakoo ykn abbaa abbaa isiidhaa, ka akaakotti aanu yoo intalti ilmoo dhaltee qabaatte ilmoo isiiti. Yoo tan ammoo ilmoo  hin qabne taate obboleessa isiiti, obboleessa boodaan adeera, obboleeyyan kun ka mirga guutuu qabu ka wajjiin dhalatte ka garaa tokkooti, ka garaan garagaraa achi boodaan. Obboleessi abbaan isin tokkoo ka haadhaan garagaraa waan ka ati waliin dhalattee ka xiqqaa kun si heerumsiisuu hin gahiniin nikayaan kankee sahiiha. Yoo ka waliin dhalattee guddaa ta’ee isaan wal dursanii waan kabajaan jaalalaaf jecha kana dalaganii waan kana irratti yoo isaan jidduu jaalalti jiraatte inshaallaha humaa hin qabu.

 

Dr.Liwaa’ulislaam