shaayii oowwituu dhaabbatanii hin dhugan takkaahuu hafuura itti hin baafatan takkaahuu hin afuufan jechuun dhagayee dubbiin tun akkami?

03/25/2017

Ta duraatii wanni dhaabbatanii dhugan oowwituu taatuu qabbonooftuu taatuu haram calla jechuun dogongora. Nabiin keenya ﷺ dhaabbattanii hin dhuginaa irraallee jedhanii garuu ammoo hujiin argamsiisanii ufifillee dhugani. Hadiisni akkasi jedhu sun eegalama islaamummaati. Kan boodaa kan nabiin Rabbii hujiidhaan ufii dhaabbatanii halkan olka’anii qarbata irraa dhugan halaal ta’uu nama garsiisa. Kanaafuu waa hunda keessa hubatan malee karaa miti jechuu irraa ifi eeguu qabna. Ammoo ta keessatti hafuura baafachuudhaa Nabii Rabbiittu dhoorke ﷺ . Hogguu waan takka dhugnu akka gaalaatti walitti dhaabanii takkaahuu akka harreetti afaan itti dhaabanii dhuguun dhoorka. Habbuuqattee eega jettee waan itti dhugutti jirtu irraa afaan kee xiqqoo achi fuudhi. Akkuma san yoo waan oowwituu taates afuufuun dhorka. Akka namni rajaa ykn shaayii gubbaa irra jira jedhanii takkahuu qarruu ufirraa  hafuuraan afuufuun dhoorka. Kun ammoo adaba fayyaa ilma namaa keessatti Nabiin Rabbii nu barsiise. Hafuurri gartee afaan kee keessaa bahu kun waan dhugdu kana irratti waa fida, bakka tana keessatti ilmii fayyaattu jira. Waa’ee ilmii fayyaaa Yeroo tana keessatti baldhisnee haasawuuf saa’aan nuuf hin geessu.

Dr.Liwaa’ulislaam