Comments
Zinaa Booda nikaaha godhachuun dandahamaa?
Gaafii
Gurbaa tokko wajjiin waljaalanne, garuu eega waljaalanneen boodatti sheeyxanni nutti bareechee zinaa walitti hojjanne, eega zinaa kana walitti goonee baatii tokko teenyee boodaan warreen keenyatti himnee, akkasitti gurbaan warra keenya dhaqee nikaha na godhate. Nikeenni keenya kun akkami?
Yaa gabrittii Rabbii, ilmi namaa tokko waajibaaf sunnaa adda wallaaluun, waan islaamummaa namaa miidhu aqiidaa keessattiifii tan hin miine adda wallaaluun rakkinna muslimaaf muslimtittiiti. Wanni sirra ture, nikahaan fayyaa ta’aa jettee gaafachuun dura, zinaa dalage san hukmiin isaa maal jechutu sirra ture. Ta duraatii akka hukmii shari’aatti zinaan siif gurbaan walirratti dalagdan yoo nama dardaraa taatan xiilaa dhibba dhibba dhahamtanii, dhukkee isinirraa kaasanii amata tokko tokko biyyarraa isin fageessu akka hukmii shari’aatti. Yoo ammoo warreen duraan fuutanii waa dhandhamtanii jiraattan taatan, muldhii gad isin awwaalanii dhagaan isin ajjeesu kun hukmii shari’aati. ammoo har’aan tana namni hukmii san hojirra oolchu waan hin jirreef, hatantamatti hoggaa sagaleen tun sibira geesse isin addaan yaa’uudha, Isin zinaa walitti godhaa jirtan malee, zinaa gubbaan nikayaan fayyaa hin ta’u. Yoo xiqqaate baatii takkaaf lama hamma saditti addaan fagaattanii towbaa qulqullii eega towbattaniin boodatti, nikaaha haarawa godhachuu qabdan.
Dr.Liwaa’ulislaam