Qaama ofii jijjiiruun hukmii shari’aatti akkami? Namni gariin funyaan jijjiirata. Gariin gurra jijjiirrata.

03/25/2017

Jismii jijjiiruun shari’aa Rabbi keessatti dilii gurguddoodha. Akka sheeyxaanni dhaammatee dhaadatee Rabbi biraa bahe san; “uumaa ati irratti uumte san hanga isaan irraa jijjiiree jijjiirsisuutti hin dhiisuu” jedhe sheyxaanni. Dura jecha sheyxaanaa kanaaf qaama ofii jijjiiruun dhoorkaa ta’e. Wanni ulmaan irraa dubbataa turte, rifeensa diimeffachuu fa’a, rifeensa gartanii addaatee gurrachessuu qalama dibanii, waan akkana kanatti fassaramaa ture. Amma eega funyaan jajjallatee qajeelfachuun dhufee, eega gurra guddate ufirraa gabaabsanii muruun dhufee, haala adda addaatiin ummanni arabaa kun ittiin fattanamee, dubra keennalee amma kunoo akka obboleeettiin teenna jette nutu horii isin irraa kafalaa dhaqaa uf babbareechaa uf tolfadhaa jechutti jiran. Haalli akkanaa kun haala dogoongoraatii, haala kalaxa gurguddoo namarratti fidaati, haala gartanii cifraa sheyxaanaa ta’uutti achi dabruuti, cifraa ummata Muhammad irraa bahanii jechu. Haalli kun kasaaraa gurguddoodhaa obboleewwan teenya akka irraa fagaatan. Bakka arganittillee waan danda’aniin akka irraa dhoorkan jechuudha obboleewwan isaanii ka dubara arabaa. Dhaamsi guddaan kana goonaaf jechu. Sheeyxaanatu dhaadate Rabbii guddaaa biratti, Rabbiinillee quraana keessatti warri  karaa kiyya qabate si jala hin deemuu maaliif jennaan warra jallinaan karaa Rabbii arkaa didee sijala deeme malee, warra muminotaa humna irratti hin qabdu, isaan irratti angoo hin argattuu, maaliif? Muuminoota iimaana qaban kaa, ilmii beekanii diinii Rabbii beekanii, sheeyxaanummaa kee beekanii dubbii kee hin dhagahanii jedheen Rabbiin guddaan. Muuminoota abdatee akkana dubbate Rabbiin. Muuminoota iimaana isaan irratti Rabbiin guddaan irraa gammachuu qaba. Garuu warra jallinaan si jala deeme fudhadhuu jahannamatti darbiin jedheenii jira Rabbiin guddaan SW kanaafuu uf jijjiruuuniif qaama ufii jijjiiruun dogoongora gurguddaa, badii gurguddaa keessatti argamaa haa Rabbi sodaannu.

Sheekh Alii Jimmaa