Tajaajilli Youtube kan Sa’aa 1 oliif addaan citee ture amma deebi’ee dalagaa eegalee jira.
YouTube dhaabbata guddaa kaampaanii Google jalatti argamu yoo tahu, dhaabbilee akka sadarkaa addunyaatti humna jabaa qaban keessaa isa tokko. Guutuu addunyaatti namoota Biiliyoona 1.8 oltu YouTube fayyadama. kaampaaniin kun akka sa’aa biyya keenyaatti halkan naannoo sa’aa 11tti sababaa hin beekkamneen dhabbatee ture. Hojjattoonni dhaabbatichaatis hoggasuma gama twitter isaaniitiin rakkina jiru ibsanii dhiifama gaafatan.
Rakkinni kun yeroo ammaa furamee Youtube tajaajila kan eegale yoo tahu, maddi rakkoo kanaa maal akka tahe dhaabbaticharraa hanga ammaatti ibsi kenname hin jiru.